Back to Front Page


Share This Article!
Share
ADWUIn Garam Jiraa?

ADWUIn Garam Jiraa?

Ibsaa Namarraa 06-30-18

Addi Demookraatawaa Warraaqsa Ummata Itiyoophiyaa (ADWUI) mootummaa ceehuumsaa kufaatii sirna dargii anee ijaaramee, akkasuumas Mootummaa Ripabliika Feedaraalwaa Demookraatawaa Itiyoophiyaa bulchaa turuun isaa nibeekamaa. ADWUIn akka addatti yammuu mootummaa feedraalwaa bulchuu, dhaabooleen obbooleewwan afran adda jala gurmaahan- Dhaabbata Biliisummaa Ummata Tigraay, Sochii Demmookraatawaa Saba Amaaraa, Dhaabbata Demokraatawaa Ummata Oromoo, Sochii Demookraatawaa Ummaattoota Kibbaa Itiyoophiyaa ammo mootumoollee naannoolee Tigraay; Amaaraa; Oromiyaa fi Saboota, Sablammoota fi Ummattoota Kibbaa bulchaa turuun isaani nibeekamaa. Naannooleen hafan _ Afaar, Sumaalee Itiyoophiyaa, Haraarii, Beenishaangul Gumiz fi Ummattoota Gambeellaa dhaabbattoota biyyooleessaa naanooleen bullaa turan. Dhaabbattoonni shanan kuun ADWUI waliin tuumsa qabu.

Qaammoonni ADWUIn fi dhaabbatoonni shanan kun dhaloota tokkoof (waggoota kurnan sadiif) biyyatti bulchaa turuu isaanitin hingamadne heeddu dhaa. Dhaabbatni siyaasaa tokko, akki gara angoo itti dhufe bakka bu’uummaa filannoo deemookraatawaan argameen yoo ta’e, dhaloota lama sadiif; bara baraafille biyya bulchaa turuun isaani akka rakkootti fudhatamu hinmalu. Sirna demookratawaa keessa angoon fillannoon malee dabareen kan raabsamu waan hintaaneef, qaama filannoo deemookraatawaan bakka bu’uummaa argate fudhachuun dirqama. Dhaabbanni siyaasaa tokko gara angootti kan dhuufe karaa faallaa demookraasiin yoo ta’e garuu fudhatamaa hinqabu. Kanaafuu, ADWUIn dhaloota tokkoof angoo irra turuun isaa akkaataa adeemsa demookraasii armaan olitti ibsameen madaalamu qabaa.  

ADWUIn angoo irra kan ture karaa deemookraatawaan bakka bu’uummaa ummata argate ta’u isaa yoo fudhanneellee, moormii jalaa miliquu dhabuun isaa dhugaa dhaa. Keessattu filannoo marsaa shanaffaa hinjiifatee angoo fudhate ji’oota muraasaa keessa moormii ummataa cimmaa kessuummeessee jiraa.

Sababni moormii ummata kanaa, rakkoolee bulchinsa gaarii fi dhabiinsa haqa, dhabiinsa qoqqoodina qabeenya madaalawaa, rakkoo hojjii dhabuummaa waggooti bayy’eef kufamanii ummata mufachisan ta’uun isaas ifaa dhaa. ADWUIni fi dhabiileen tumsoota isaa  caalmaa sagalee filannoo 50 + 1n angoo mootummoolee feedaraalawaa fi naannoolee gutumaan guttuutti too’atanii, sagaleewwan ummata kan biroo carraa itiin dhagaahaman dhabuun isaaniis moormiin akka ka’u godhu keessa qooda qabaa.

Videos From Around The World

Qaamooleen tokko tokko moormii ADWUIn buruumtaa nangoo ittiin fudahate qunname kana akka dhabiinsa sagalee amanuummaa (vote of confidence) godhanii fudatanii turan. Yaata’u malee, sochii moormii addababayii humnaan dabaalame, akka sagalee amanummaa dhabu godhanii fudhachuun hindandaayamu. Sochiin moormii addababayii humnaan dabaalamee, deegartoota cal’isaan lakkoofsaan caalmaa qaban irraa waan dhagaahamuuf akka ragaa dhabiinsa sagalee amanummaa fudhachuun dogooggoora irra busaa.

Waamaraafu; ADWUIn keessattu Oromiyaa keessa bakka heedduu, akksuumas naannoolee Amaaraa fi Ummattoota kibba iddoo tokko tokkootti moormii cimaa walirra hincinnee kessuummeessee ture. Moorniin kun ADWUIn keessa isaa gadifageenyaan qooratee ofii issaa  akka qulqulleessu dirqise jiraa. Tarkaanfiin haaraawamuun kun jalqabarraa DhDUO keessa adeemsifame. DhDUOn dhuma bara 2008 irratti of qooratee hooggantoota isaa fi mootummaa naannoo Oromiyaa  jijjiire. Ittiansee dhaabbilee obbooleewwan ADWUI kan biroo keessa jijjiiramni hooggansaa godhamu eegale. Haaroomsa kanaan caasaa mootummaa keessas, miseensoota kaabinee mootummoolee feedaraalaa fi naannoolee kaassee hanga gandatti jijjiirama hooggansaa fi tarkaanfileen walqabatan  fudhatamanii jiru. 

Kaayyoon jijjiirraa hooggansa kanaa, hooggantoota ummata tajaajilu hindadeenee fi sababa koomii ummata ta’an casaa mootummaa keessaa fageessuu dhaan, hooggantoota rakkoolee fi gaaffii ummataaf furmaata laachuu dandahan ango irra kaahuu ture. Adeemsi jijjiirraa hooggantootaa haaroomsaa, dhumarratti ministeerri muummee duraanii Obboo Haaylamaariyaam Dasaalany feedhii isaaniitiin angoo akka gadhisan karaa bane jiraa. Adeemsi kun hooggansii haaroomsaa gara angoo duura taa’ummaa ADWUI fi ministeera muummichatti akka dhufu taassiisee jiraa. Duura taa’aan ADWUI fi miniisteerri muummee Dr Abiy Ahimad gara angootti kan dhufan haala kanaan ture.

Jijjiiramni hooggansaa fi fooyyainsi ijjannoo ADWUI keessa raawwatame kun, dagaagina uumammaa falmii jaarmiyaa keessoo irraa maddu godhamee fudhatamu dandahaa. ADWUIn, falmii ilaalchaa dulloomaa adeemu fi dhalachaa adeemu qaama (entity) kamiiyyu keessa adeemsiifamu aala miti. Haalli falmii kun ilaalcha hoogantoota waggoota sooddooma duura addicha gurmeessani fi hooggantoota fi miseensoota dargaggota addicha makaman keessa adeemsifamuun kan ibsamu dhaa. Falmiin kun akka rakkootti kan ilaalamu osoo hinta’ini, haala qaama/hawaasa kamiiyyu keessa kan jiru fi jijjiirama dagaagina ittifufiinsa qabu akka jiraatu kan taassiisu dhaa. Qaamni/haawaasni falmii keessoo hinqabne hinjiru. Yoo jiraatelle du’aa yeroo irraa gara yarootti kan hinjijjiiramne dhaa. ADWUIn du’aa waan hintaaneef falmiin keessoo kun itti adeemaa ture. Jijjiramni amma addicha keessa mul’atuus falmii kan irraa maddee.

Falmii keessoo jijjiiramaa irratti gareen dulloommaa adeemu akka salphaati harka nikeennaa jeedhamee hineggamu. Inni dhalachaa adeemuus jijjiirama fidee haala ol’aantummaa ittin argatu uumuuf falmachu irraa hinqusatu. Qaama/hawwasa sirna falmiin kun ittiin keessuummaahu qabu keessa jijjiramnii osoo hinmula’tin suta-sutaan (evolutionary change) adeemaa. Qaama/ hawaasa falmiin kun akka uumamaatti huubatamee sirna itti keessuumaahu hidiriirree ykn ittiin ukkaamamu keessa garuu jijjiiramnii haala warraaqsaan (revolution) dhufaa. Warraaqsi (revolution) haala jijjiirama falmii ukkaamame irraa madduu dhaa.

Jijjiiramni ADWUI keessa ceehuumsa hooggantootaani fi fooyya’insa ijjannoon ibsame, bu’aa dagaagina falmii ummamaa keessoo irraa kan maddee dhaa. Garuu, ADWUI keessa falmiin keessoo akka haala uumamaatti huubatame ittiin keessuummaahu kan diriiree natti hinfakkaattu. Jijjiiramni amma ADWUI keesa dhufe, amala battaluummaa agrsiisuun isaa kan mul’isaa. Haalli hintasgabaanne amma addicha keessa muul’atuus kan mirkaneessaa. Qaamoonni tokko tokko haala kana akka mal’attoo kufaatii ADWUI fudhatani jiru. Dhugaan garu kana irraa adda. ADWUIn dhibbaa aalaani fi falmii keessoon amala bu’uura isaa osoo hingadhiisini, bifa haaraa qabte bahe malee kufaatii irra hinjiru.

Walumagalatti; duura taa’aan ADWUI fi miniisteerri muummee Dr Abiya Ahimadi fi gareen hooggansa haaroomsaa isaan waliin jiru bu’aa jijjiirama ADWUI ta’uun isaanii huubatamu qabaa. Tarkaandfiileen yakkamtoota fi shakkmtoota bilisa gadhiisuun, waamicha dhaabbatoota siyaasaa moorkattoota  biyya keessaa fi moormitoota biyya alaa sochoo’aa turaniif godhame, dhabiinsa nageenya Itiyoophiyaa fi Eritiraa gidduu turee furuuf fudhataman bu’aa ADWUI bifa haaraan bahee dhaa.

Kanaafu; miniisteerri muummee Dr Abiy Ahimadi fi gareen hoogansaa isaanii, akkasuumas tarkaanfiileen dirree siyyaasaa bal’isu fi waligalte biyyooleessaa uumuuf fudhatamaa jiran fi bu’ooleen argamaa jiran ADWUI irraa addan bahanii kan ilaalaman miti. Bu’oolee ADWUI bifa haraan dagaage bahe ta’uun isaanii dagatamuu hinqabu.

 

 


Back to Front Page