Back to Front Page


Share This Article!
Share
Adaraa Seeraa.......!

Adaraa Seeraa.......!

Tokkummaa Biyyaatiin 02-21-18

Seerri bu’uura waan hundumaati. Namni kamiyyuu seeraan ol miti. Kanaaf biyyi tokko biyya ta’uudhaafis seera ittiin bulmaata mataa ishee qabaachuuf bu’uuruma seerota sanaan biyya geggeessuutu irra jiraata. Dhala namaas lubbu qabeeyyii biroo kan adda isa taasisu haala bulchiinsa qindaawaa qabaachuu isaarraan kan ka’e salphaatti haala jiruu fi jireenya isaa geggeeffachuu danda’uu isaati. Garuummoo bineensota yoo fudhanne hamma beeknutti seera waan qabaatan natti hin fakkaatu. Sababnisaa bineensuma humna qabutu kanneen biroo abootuudhaan jiraachisa, bineensi humna hin qabne kan argate nyaatee yoo dhabemmoo agabuu bula. Osoo seera qabaatanii badii tokko malee nyaatamuuf hin saaxilaman ture. Kanaaf fakkeenya guddaa kan ta’u bineensa keessaa leenci kan barbaadee nyaatee kan jibbemmoo itti dhiisa. Osoo seerri jiraatee waan akkas godhuuf hin qabu ture. Haalli jireenya akkasii dhala namaatiif hayyamamaa miti. Kunis kan ta’uu danda’eef , dhalli namaa seera naaf ta’a, kabajeen ittiin jiraadha jedhu tumatee waan qabuuf seerawwan kana yoo cabse itti gaafatamummaa jalaa waan oolu miti.

Waa’ee dhimma seeraa kanan kaasuu barbaadeef torbee darbe Naannoo Oromiyaatti  haala lagannaa gabaa waajjin wal-qabatee ture muraasa kaasuu barbaadeen ture. Ka’umsarraa yoo ilaalle dugda-duubeen lagannaa kanaa maali gaaffii jedhuuf gaaffiin uummataa sirrii ta’e jiraachuun isaa wal-nama hin gaafachiisu. Kunis haala rakkoo bulchiinsa gaarii biyya kana keessa jiru irratti mufiin waan jiruuf dhiibbaa geggeessuuf akka ta’e dhugaa bakkee adii keessa jiruu dha. Dhiibbaa akkasii geggeessanii mirga ofii kabachiisuun ammoo waan seeraan kabajamee jiruu dha, ibsituu dimokiraasiitis. Lagannaan gabaa torban darbe waamames dhimma hidhamtootni siyaasaa nuuf jedhanii mana hidhaatti rakkatanii maaliif hin hiikamne jedhuun kan wal-qabatee fi dhimmoota hawaas-dinagdee Oromiyaa ilaalchisee qabxileen tokko tokko ka’anii turan. Sanas ta’e kanas yeroo mirga keenya gaafannu badii gaaffii keenya caalu balleessina yoo ta’e, deebi nuti gaaffii keenyaaf argachuun nurra jiru hafeetu xiyyeeffannoon gara waan nuti balleessineetti jijjiirama kanammoo yeroo baay’ee waan argaa turree dha. Kanaaf akkuma mirga gaaffii barbaadne gaafachuu qabnu dirqama seera biyyi kun ittiin bultu kabajuu qabna, yoos gaaffiin keenya xiyyeeffannoo argata. Kanarraa kan hafe miira keessa galuun gaaffii dhugaa fi qulqulluu taate harkatti baannee isa silaa nagaa dhaan qaama dhimmisaa ilaalu gaafannee deebii argachuun nurra jiraatu gara hookkaraa fi jeequmsaatti yoo deebifne dhugaa keenyatu hukkaamsama. Xiyyeeffannoon nuuf kennamus gadi-aanaa ta’a.

Haala walii gala lagannaa gabaa torbee darbee yoo ilaalle, ka’umsi isaa wal nama hin mormisiisu, sababnisaa mootummaan biyya geggeessaa jiru gaaffii hawaasaa kamiiniyyuu yeroo barbaachisaa ta’etti dhaga’ee deebii kennuufiin dirqama isaati. Waan uummanni jedhe yeroo marayyuu akka hoji maneetti fudhatee hojjechuutu irra jiraata. Haa ta’uyyuu malee lagannaan tibba darbee sun rakkoo muraasa of keessaa qaba ture. Rakkoowwan kunneenis naanna’anii naanna’anii hawaasa naannoo keenyaa kan miidhan malee kan fayyadan mit.

Fakkeenyaaf  karoorri lagannaa sanaa jalqaba irratti mana keessaa gadi ba’uu lagachuu fi waajjiraaleen mootummaa akka tajaajila kamiinuu hin kennine gochuu ture, godhameeras kun akkamiin ta’a? Sababnisaa waajjirooleen iddoo kamittiyyuu dhaabatanii jiran kunneen hundi kan tajaajilan hawaasa naannoo sana jiraatan malee qaama biraa iddoo biraatii dhufe kan tajaajilan miti. Yoo ilaalle, manni murtii tokko sagantaa hojii mataa isaatii qabaachuu  mala. Kana keessattis abbootii dhimmaa isaa al tokkotti keessummeessuu waan hin dandeenyeef beellamaan deddeebisee tajaajila laata. Egaa nutoo guyyaa manni murtii hojiisaa hojjetu cufsiifnee akka abbootiin seera mana oolu taasifnee akkamiin kan haqnisaa jal’ate murtoo argata?

Sadarkaan jireenya saba keenyaa gara gara, kaan yoo hojii guyyaa  hojjete malee waan nyaatee bulu hin qabu. Manaa hin ba’in mana keessa gadi taa’i jennee yoo dirqisiifne nama sanaaf  deebii bor isaaf deebi’u ykn dhiisu caalaa waan har’a nyaatee lubbuun isaa bor geessu barbaada waan ta’eef mirgi nama kanaa dhiibameera.

Inni kan biraan akka rakkoo cimaa fi suukanneessaatti ilaalame daandii cufuun sochiin namootaa akka murtaa’u gochuun faayidaa isaa irra miidhaasaa tu caale. Jalqabarratti daandii hin qabnu haadholiin ulfaa sababa daandiin hin jirreef nurkatti dhumaa jirti jennee lafa cirree hanga tokko daandiin baadiyyaas ta’e daandiin magaalaa akka nuuf galu taasisfneerra, gaafachaa jirras. Har’ammoo daandiin kun akka tajaajilaaf hin oolle gommaa konkolaataa irratti gubuu dhaan, dhagaaf muka fidnee cufnee ambulaansiin deessuu baattee fiigdullee akka hin dabarre gochuun eenyuun miidhuu akka hin taane beekuutu nurraa barbaachisa. Rakkoon sababa daandii cufuun dhufu eenyuun utuu hin taane  mataa keenya kan miidhuu dha.

Qabeenya namoota mootummaa deggeru jennee yaadnuu fi lammilee biroo adda baasuun barbadeessuun dhiibbaa cimaa mirga dhala namaa irraan ga’uu dha. Sababnisaa ofii keenyaa mirga keenyatu sarbame jennee gaafachaa, mirga nama biraa sarbuun saalfii dha. Oromoon aadaa fi duudhaa mataa isaa qaba. Saba kan biraa ati sabakoo miti jedhee ofirraa dhiibees hin beeku , inumaayyuu guddifachaa dhaa fi moggaasaa dhaan saba ofii taasifata malee.

Rakkoowwan akka naannoottis ta’e akka federaalaatti uumamaniif  qaamolee nageenyaa waliin hojjechuurra qaamolee nageenyaa kana hawaasa irraa adda baasuuf yaaliin cimaanis taasifamaa ture. Kun herrega kamiinuu bu’aa gaarii hin fidu. Sababnisaa qaamoleen nageenya eegsisan kunneen akkaataa heeraa fi seera mootummaa tiin kan kaa’aman waan ta’eef  rakkoo keenyaaf furmaata yoo ta’an malee gufuu itti ta’uu hin danda’an. Yeroon kana jedhummoo qaamoleen nagaa eegsisan hundinuu ergamoota waaqaati badii hin qaban jechuu koo miti. Qaamolee kunneen keessa aangoo isaatti fayyadamee kontorobaandii daldaluu kan fedhu jiraachuu mala, aangoo isaatti fayyadamee mirga namootaa kan sarbuu malu jira. Isaan akkasii kana akkuma iddoo tokko tokkotti ragaa qabatamaa wajjin mana murtiitti dhiyeessanii seeraan adabsiisuun akka danda’amu argaa jirra. Hojiin akkasii kunis cimanii itti fufuu qabu. Yoos seerri biyya kanaa ol’aantummaa argata. Kanarraa kan hafe qaama nageenyaa hundumaa akka diinaatti ilaaluun hawaasa irraa adda baafnee kan ilaalluuf dhiibbaa biraa irraan kan geenyu yoo ta’e walitti dhufeenyi gaariin akka hin jiraanne taasisa. Kanaaf qaamolee kanneen jaalalaan mo’uu dhaan rakkoo keenya mara itti himannee tokkummaa dhaan waliin hojjechuu caalaa wanti salphatu hin jiru.

Walumaa galatti seeraa fi heera biyya kanaa hanga kabajnee jirutti wanti nuuf ta’uu malu dirqamaan nuuf ta’a. Kan nuuf hin mallemmoo gaafachuunis aadmale. Kanaafitu Oromoon kabajaa seeraaf qabu agarsiisuuf kan seera cabsee dhufeen “Adaraa Seeraa” Kan jedhuuf. Oromoo biratti seera caalmaa aangoo kan qabu hin jiru. Seeraan bulas.

Xumura irratti biyya nageenyi ishee mirkanaa’ee, tokkummaan sabaa fi sab-lammoota ishee cime arguuf seerota ba’an kabajnee ittiin jiraachuun gaarii natti fakkaata.


Back to Front Page