Back to Front Page


Share This Article!
Share
Daangaan keenya gar-gar nu hin baasu

 

Daangaan keenya gar-gar nu hin baasu

Tokkummaa Biyyaa tiin 04-11-18

Dhiyeenya kana walitti bu’iinsa daangaa Mootummaa Naannoo  Oromiyaatii fi Naannoo Somaalee Itiyoophiyaa gidduutti uumameen rakkoo hedduun akka biyyaatti nu mudatee ture.

Sababa rakkoo kanaan wal-qabatee miidhaa guddaatu uumamee ture. Lubbuu qaaliin lammilee gama lamaanii darbeera, miidhaan qaamaa qaqqabeera, qabeenyi yeroo dheeraaf itti dadhabanii horan gama lamaaniinuu barbadaa’eera. Lammileen hedduun qabeenyaa fi qe’ee isaanii irraa buqqa’uun qubannaa hin barbaachifneef saaxilamanii turan.

Taateewwan ji’oota muraasa dura biyya kana keessatti lammilee jaarraa hedduuf wal-kabajaaf wal-jaalalaan wajjin jiraachaa turan gidduutti uumamuun isaa akka biyya kanaa qofaatti osoo hin taane, akkuma Afrikaattiyyuu sodaa guddaa uumee ture.

Aadaa Itiyoophiyaa keessattis lammilee fi lammiileen bara bulchiinsa sirna dimokiraasii keessatti akkasitti walitti bu’uun badiin hagana ga’u qaqqabuun isaa kan jalqabaa ta’uu mala.

Sanas ta’e kanas, Mootummaan Naannoo Oromiyaas ta’e, Mootummaan Federaalaa lammilee madda rakkoo kanaa adda baasuun hiikuuf waan gochuu danda’an hundaa gochaa turan.

Yeroo ammaa haala kanaan dura ture irra baay’ee fooyya’aa kan ta’eef walitti bu’iinsi naannoo daangaa Sanaa haala guutummaatti jedhamuu danda’uun baay’ee fooyya’ee jira.

Mootummaan Naannoos ta’e  Federaalaa haala nama ajaa’ibuun  lammilee qe’ee isaanii irraa buqqa’an kanneen deebisanii dhaabuuf hojii walirraa hin citne hojjetameen, lammileen qe’ee isaanii irraa buqqa’an kanneen deebisanii dhaabuuf hojii guddaan hojjetameera. Hojjetamaa jiras.

Kanumarratti dabaluu dhaan turban darbe ammoo Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa  kabajamoo Dr.Abiy Ahmed gara Mootummaa Naannoo Somaalee Itiyoophiyaa hojiif deemuun isaanii dhimmi walitti bu’iinsa kana  hundeedhaan hiikuu ilaalchisee xiyyeeffannoo Mootummaan itti kenne kan ibsuu dha.

Videos From Around The World

Daawwannaan  kabajamoo Dr.Abiy Magaalaa Jigjigaatti taasisan kun rakkoon Mootummoolee Naannoo lamman gidduutti uumamee ture guutummaatti akka inni kallattii isaa jijjiirratu taasiseera jechuun ni danda’ama. Lammilee hundi biyya kanaallee xiyyeeffannoon Dr.Abiy dhimmi kanaaf kennan hedduu dinqisiifatan.

Haasaa isaan waltajjii seena qabeessa kana irratti taasisanii turan lammilee lamaanuu kan garaa raasee fi lamuu lammataa gochaan akkasii lammilee kana gidduutti akka hin dabalamne kan waadaa seensisee dha.

Sirni Federaalimii biyyi keenya hordoftu rakkoo akksiif kan nu saaxilu osoo hin taane, obbolummaa fi wal-qixxummaa sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa kabajamee akka jiraatamuuf kan wixinamee ittiin jiraachaa jirruu dha.

Akka haasaa kabajamoo Dr. Abiy tti biyyi keenya yeroo ammaa kanatti wal-waraansa ykn waraana irratti xiyyeeffachuu kan hin qabneef hojii misoomaatiif xiyyeeffannoo guddaan kennamee jireenyi lammilee biyya kanaa akka fooyya’uuf hojjetamuu akka qabu dhaamsa dabarsaniiru.

Rakkoon kamillee jiraachuu mala, rakkoon jiraachuunis taatee uumamaa ta’ee utuu jiruu akkaataan itti rakkoo hiikuuf deeman yeroo baay’ee rakkoo daran hammataa uumuu danda’a,

Daawwannaan kabajamoo Dr.Abiy kun walitti dhufeenya hawaasa lameeniitiif waltii bu’iinsa duraan uumamee ture irra jireessaan kan irraanfachiisee dha. Aadaa uummata Itiyoophiyaa keessaa baay’ee kan nama dhibu aadaa dhiifamaa fi garaa dhiifamaa qabaachuu dha.

Walitti bu’iinsi kanaan dura ture sichis akka itti hin fufneef ciminaan hojjetamaa kan jiruuf madda rakkoo sanaati jedhamee hirmaattota irraa yaadi gara garaa ka’aa kan tures  akka galteetti fudhachuudhaan hundee dhaan akka furamu waadaan galameera.

Sirna Federaalizimii biyyi kun hordofaa jirtu keessattin kan hin haalamne, akkaataa bulchiinsaaf tolutti sabaa fi sab-lammileen gara garaa daangaa dhaan addaan qoodamuun isaanii beekamaa dha. Haa ta’uyyuu malee daangaan kun walitti dhufeenya lammilee biyya kanaa irratti dhiibbaa kan geessisuu fi madda rakkoo walitti bu’iinsa biyya kanaa ta’uun akka irra hin jiraanne yeroo gara garaatti ni ibsama.

Dhugumayyuummoo jaarraa nuti amma keessa jiraannu kun jaarraa giloobaalaayzeeshinii jedhamee waamamu keessa jirra. Naannolee biyya tokko keessa jirtu mitii, biyyooleen ollaayyuu gara gola tokkootti dhufaa jirti. Yerochi yeroo tokkummaa itti labsanii jireenya walii waliinii geggeeffatanii dha. Naannumaa,gandummaa fi gosummaa dhaan saakalamuu dhaan sammuu ofii yeroon itti jeeqan hafaa jira.

Dhalli namaa akka horii bakka murtaa’e tokkotti hidhamee yeroon itti taa’u hafaa jira. Addunyaan kan dhala namaa hundumaa ta’aa jirti. Eenyullee mirga bakka fedhe jiraatee jireenya isaa geggeeffachuu qaba. Mirgi kun ammoo eenyuun iyyuu namarraa mulqamuu hin danda’u.

Kanaafuu asuma biyya tokko keessatti Oromoo fi Somaaleen, Amaaraa fi Tigireen kan wal dhaban yoo ta’e, seera biyya kanaa qofa osoo hin taane, seeruma addunyaa ala ba’uutu hin oolu.

Yeroo nuti keessa jirrutu walitti bu’iinsaaf hayyamamaa miti. Yerootu yeroo jaalalaati, yeroo itti biyyi tokkoof biyyi muuxannoo dhaaf wajjin jiraachuuf wal-barbaadanii dha. Yeroosaatu yeroo itti biyyi tokko biyya biraa malee jiraachuu hin dandeenyee dha.

Kanaaf akka Itiyoophiyaatti bulchiinsaaf akka tolutti daangaan gar-gar haa qoodamnuyyuu malee hiddi dhaloota keenyaa tokko waan ta’eef, walitti bu’iinsa sababa kamiinuu mudachuu danda’uuf karaa banuun barbaachisaa miti.

 Walumaa galatti, yeroo kanaan booda jirutti lammilee Oromoos ta’e somaaleen walitti bu’iinsa kanaan dura ture irraanfachuun dhiifama waliin gochuun jireenya gara fuula duraa qofatti xiyyeeffachuu qaban.

Nutis lammileen biyya kanaa hundinuu bu’aan walitti bu’iinsaa maal akka ta’e akka gaariitti waan argineef balaan akkanaa lamuu akka nutti hin deebineef ga’ee nurraa barbaachisu ba’achuutu nurra jiraata.

 

 

 


Back to Front Page