Back to Front Page


Share This Article!
Share
Dr. Abiy maaliin haa deggerru?

Dr. Abiy maaliin haa deggerru?

Hiikaa Margaa tiin 04-11-18

Erga Muummeen Ministeera keenya haaraa Dr.Abiy muudamanii kaka’umsa guddaatu mul’achaa jira.

Akkuma seenaa ADWUI ttiyyuu  murtoon akka filatamuu muummicha Ministeera haaraa Dr.Abiy fudhatama argatee hin beeku. Filannoon tures seenaa biyya kanaa keessatti daran dimokiraatawaa dhaaf fedhii hawaasaa giddu galeessa kan godhatee dha.

Akkuma kanaan dura bal’inaan ibsamaa ture, namni filatame kun nama ulaagaa dhaabbatichi barbaadu guutu ta’uun isaa ammo abdii lammiilee biyya kanaa daran itti hore. Qopheen barnoota Dr.Abiy fi muuxannoon isaan bakka hojii gara garaatti argatan bakka kanaaf kan gitu ta’uun isaa akka isaan filatamaniif sababa guddaa ta’eera.

Kanuma irraa ka’uun filannoo sana booda  kaka’umsi guddaan lammilee biyya kanaa hunda keessatti uumamee jira.  Fudhatama argachuun MM keenyaa kun shaakala biyyi keenya dimokiraasii babal’isuuf  sochii isheen taasisaa jirtu tarkaanfii tokko gara fuula duraatti kan butee dha. Lammileen biyya kanaas shaakalli akkasii gara fuula duraatti cimee itti fufuu akka qabu yeroo gara garaatti ibsachaa turaniiru.

Biyyi keenya kun rakkoolee wal-xaxoo hedduu dhaan sakaalamtee hanga har’aa turteetti. Rakkooleen kunneen rakkoolee jaarraa hedduu lakkoofsisanii dha. Sababnisaa biyyi keenya Itiyoophiyaan kanaan dura bulchiinsa sirna abbaa hirree jalatti kuftee erga turtee eegalee hanga yoonaatti lammilee kanatti wal- gegeeddaruun dararaa guddaa sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa irraan ga’aa turaniiru.

Dhugaa dubbachuuf taanaan, dhalli namaa akka fedha isaatti jiraachuu dhaaf mirgi uumamaan kennameef kabajamuufiin dirqama uumamaa ti.  Haa ta’uyyuu malee yeroo gara garaatti dhiittaan mirga lammilee biyya kanaa irra ga’aa ture, jireenya lammilee biyya kanaa akka hin jirre taasisee jira.

Waggoottan 27 asitti yaaliin biyyi keenya shaakala sirna bulchiinsa dimokiraasii erga jalqabdee wantootni hedduun sirrataniiru, sirrachaas jiru. Yeroo kana jennu garuu sirni bulchiinsa ADWUI guutummaan guutuutti lammilee biyya kanaaf kan mijateef haala gaarii irra jira jennee dubbachuuf nu hin dandeessisu.

Sababnisaa dudduubeen bulchiinsa biyya kanaaf amalli baratamaan kanaan dura ture, sirna bulchiinsa keenya ammaarratti dhiibbaa qabaachuun isaa waan wal-nama gaafachiisu miti.

Ammas taanaan shaakalliiwwan kanaan dura turan guutummaan guutuutti waan hin dhabamsiifamneef, rakkoowwan gara garaa iddoowwan gara garaatti uumamuun isaanii kanaaf sababa ta’a.

Bu’aa ba’iin biyyi keenya kun keessa darbaa jirtu kana keessatti ga’een lammilee fi geggeessitootaa ol’aanaa dha. Gaarummaan geggeessitootaa biyya kanaaf waan gaarii buusee akka darbu, badaa ta’uun geggeessitoota darbaniis madaa dhukkubbii cimaa qabu buusee darbuun isaa wal-nama hin gaafachiisu.

Videos From Around The World

Biyyi keenya Itiyoophiyaan yeroo gara garaatti geggeessitoota ishee geggeessan gara garaa muuddee muuxannoo gara garaa argattee jirti.  Kanneen  biyya kanaaf waangaarii hojjetanis akkuma jiran, akkaataa fedhii sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa giddu galeessa hin godhanneen kan biyya kana geggeessaa turanis ni jiru.

Sanas ta’e kanas, biyyi keenya kun hamaas ta’e gaarii dabarsuun har’a geesseetti, gaarummaa biyyi keenya dabarsite jajjabeessinee, rakkina isheen dabarsiteef dabarsaa jirtu fooyyessuun ammoo ga’ee hunda keenyaa ti.

Ga’ee hunda keenyaa yeroon jedhu, biyya tokko geggeessaarratti gatanii, isuma qofatu biyya kana naaf jijjiira jedhanii yaaduun yeroo ammaa kanatti bu’a qabeessummaan isaa baay’ee gadi-aanaa dha.

Sababnisaa, geggeessaan biyya akka geggeessuuf filatamu kunis akkuma keenya namuma waaqni uume malee, waaqarraa akka ergamaatti kan gadi nuuf darbatame miti. Waan gaarii akka hojjechuu danda’u, waan badaas hojjechuu ni mala. Kun waan wal-nama mormisiisu miti. Kanumaafanuu barreeffama koo kana barreessuu barbaade.

Erga Kabajamoo Muummeen Ministeera Itiyoophiyaa haaraa filatamaniii as miidiyaalee hawaasaa gara garaa irratti waan baay’een argaa fi dhaga’aa jira. Kunis amantaa nuti nama amma filatame kanarraa qabnu irraa ka’ee fedhii nuti jijjiiramaaf qabnu irraa ka’ee yaadawwan maddan jedheen amana. Amantaa nama kana irratti gatuun faayidaan inni qabu lakkoofsa hin qabu. Yoo nama bakka nu bu’ee biyya kana geggeessutti amanne, mataa keenyaaf ofitti amanummaa qabaanna. Ofii keenya irratti amanamummaa yoo qabaanne ammoo jijjiiramaaf qaama biraa kan eeggannu osoo hin taane, kaka’umsa mataa keenyaan madda furmaata rakkoo taana. Kun ijaarsa biyya tokkoo keessatti ga’ee ol’aanaa qaba.

Egaa yeroo ammaa kana filatamuu Muummee ministeera kabajamoo Dr.Abiy Ahmed booda qaamoleen gara garaa gammachuu isaanii ibsatanis, hoji-manee hedduu Muummee ministeera kanaaf kennaa jiru. Kanneen turban tokko keessatti qeequu jalqabanis ni jiru.

Akkuman armaan dura ibsuuf yaale, rakkoon biyya kanaa rakkoo hidda gadi-fagoo ta’e qabuuf umrii dheeraa qabuu dha. Rakkooleen kunneen kan yeroo gabaabaa har’a nuyi teenyee yaadnu keessatti hin hiikamnee dha. Hammina cancala hedduu qabutu biyya kana keessa ture. Cancala tokko cicciruuf ammo tooftaa nama barbaabaachisa, nama kee si barbaachisa. Namakee horachuun ammoo yeroo si gaafata. Nama kee yeroon jedhu nama lammiikee qofa ta’e osoo hin taane, nama dhugaa dhaan biyya kana tajaajiluuf fedhii dhuunfaa isaa hind ursine ta’uu qaba. Kunimmoo hojii turban tokko keessatti xumuramu miti. Qorannoo gaafata, kutannoo barbaachisa. Qabsaa’aa dhugaa saba isaaf dhimmu oomishuun yeroo gaafata.

Yoo dhugaadhaaf waa’ee biyya kanaa falmina ta’e, yeroo ammaa kanatti jijjiirama Dr.Abiy Ahmad fidan jala deemnee lakkaa’uu ykn mudaa isaaniitti quba qabuu dhaaf miidiyaa hawaasaa irra kan teenyu osoo hin taane, Muummee Ministeera kanaa akkamiin yoo gargaarre jijjiiramni dhufa? Eenyu yoo sirna bulchiinsa Nama kanaa keessa gale furmaanni dhufa jennee yaaduutu nurra jiraata.

Kanarraa kana hafe guyyaa muudama isaa irraa kaafnee mudaa lakkaa’uun, boo’icha duraan amala nuuf ta’e sana miilla waliin marannee teenyee boo’uun bu’aa tokkollee hin buusu, daran rakkoo cimsuun san duraa caalaa balaaf nu saaxila malee.

Yeroo hundaa rakkootti quba qabuun tasumaaa furmaata kan fidu osoo hin taane, hawaasa biyya kanaa daran kan burjaajessuuf tasgabbiin akka hin jiraanneef  sababa guddaa ta’a. xiinsammuu lammilee biyya kanaa irrattis balaa uuma.

Keessumaa aktivistootni biyya keessaa fi biyya alaa jiran sadarkaa biyyi keenya Itiyophiyaan irra jirtu beekuun barbaachisaa dha. Biyya kana keessatti yeroo tokko tokko waan gaarii tu waan badaa caalee argama, yeroo tokko tokko ammo waan badaatu waan gaarii caalee argamuu mala.

Kan nuti aadaa godhachuu qabnu, waan gaarii sana jajjabeessuu, waan badaa ammo bifa dhugaa fi qabatamaa ta’een  mootummaa fi hawaasaaf yoo dhiyeessan madaalawaa ta’a.

Kun kanaan ta’ee osoo jiruu haalli yeroo ammaa aktivistoota keenya biratti mul’atu, wanti gaariin biyya kana keessatti hojjetamu akka ajandaatiyyuu hin lakkaa’amu. Waan badaan yaraan ammoo akka ajandaa cimaatti fudhatamee hafarfamaa bara ba’a. kunimmoo fedhii nuti guddinaaf qabnu osoo hin taane, ilaalcha odeessummaa fi hinaaffummaa fakkaata. Sababnisaa hinaaftuun waan gaarii namaa hin dubbattu, waan badaa namaa qofa faana bu’uun hafarsaa oolti.

Aadaan akkasii kun guutummaa guutuutti jijjiiramuu qaba.  Akkuma yeroo ammayyaawaa keessa jirru ilaalchi keenyas jijjiiramuutu irra jira.

Egaa gara dubbii ijoo kootti gaafan deebi’u, Muummeen ministeera keenyaa haaraan waan haaraa fudhatanii nuuf dhufaa jiru. Waan haaraan kunimmoo waan biyya kana jijjiiru ta’uun isaa amanamaa dha. Yaadolee fi tarsimoon isaan fudhatanii dhufaa jiran kunneen bilchaachuutu irra jiraata. Dheedhii isaa akka isaan nuuf dhiyeessaniifis hagas mara sarduun kufaatiitii keenya ariifachiisa.

Jecha tokkon hiriyaa koorraa dhaga’e. Hiriyaan koo kunis obbo Baqqalaa Garbaa Itti Aanaa Paartii KFO irraa waan dhaga’e tokko natti hime. Isaanis akka jedhaniin “Kufaatiin Dr.Abiy, kufaatii uummata Oromoo fi lammilee biyya kana keessa jiraatanii waan ta’eef karaa kamiinuu namichi kun deggeramuu qaba” jedhan jedhan.

Dhugaa dha jechi kun waan jala sararamee ilaalamuu qabuu dha. Jecha kanarraayis hagam obbo Baqqalaan jaalala biyya kanaa qaban kanan baree dha. Sababnisaa jechi kun dhugumayyuu beekamtii dhuunfaa ofii osoo hin dursin faayidaa dhuunfaa giddu galeessa kan hin godhannee dha. Jaalala biyyaas kana caalaa akkamiin ibsuu dandeenya?

Lammiin hundinuu jecha kabajamoo obbo Baqqalaa Garbaa kanarraa barumsa guddaa fudhachuun jaalala biyyaaf qabnu dhugummaan ibsuun barbaachisaa dha.

Walumaa galatti qaamoleen hawaasa gara garaa gaaffiiwwan Dr.Abiy deebisuu qaban qofa gadi tarreessuu irra, animmoo yoon maal godhen muummeen Ministeera keenya akka fiixa ba’an godha gaaffii jedhu of gaafachaa, gita hojii nutti kennamee jiruuf ogummaa qabnuun ofis biyya kana yoo tajaajille bu’aa gaariitu argama jedheen yaada.

Akka geggeessaa tokkootti Muummeen Ministeera Haaraan kunis akka imaanaa lammii isaaniirraa fudhatanitti gaaffileen isaan tartiibaan deebisanis waan jiruuf as keessatti tumsi hunda keenyaa biraa hafuu hin qabu yaada jedhun qaba.


Back to Front Page