Back to Front Page


Share This Article!
Share
Federaaliizimii keenyaa fi Ilaalcha Masaafintummaa

 

Federaaliizimii keenyaa fi Ilaalcha Masaafintummaa…

Hiikaa Margaatiin 05-15-18

Biyyi Itiyoophiyaa kun akkuma irra deddeebi’amee dubbatamu biyya sabaa fi sab-lammoota hedduu of keessatti hammattee tokkummaadhaa fi jaalalaan jiraachiftuu dha.

Lammileen heddumina qaban kunneen tokkummaadhaan akka biyyaatti haa jiraatan malee, akkasumas akka biyyaatti waan walootti qabnu qabaannus, akka sabaa fi sab-lammii tokkootti ammoo dhuunfaa dhaan waan qabnu qabna.

Fakkeenyaaf sabni Oromoo sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa keessaa saba guddaa dha. Guddina yeroo jennu baay’ina uummata qofaa isaan osoo hin taane, erga biyyi kun akka biyyaatti waamamuutti kaatee yaadolee (ideology) sabni Oromoo qabatee deemaa jiruuf gumaacha inni biyya kanaaf gumaachetu isa taasisa.

Akkuma armaan olitti jenne, sabni Oromoo bal’aan kun sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa wajjin nagaa fi jaalalaan haa jiraatuyyuu malee, aadaa, duudhaa, seenaa fi afaan mataa isaa ni qabaata.

Yaadrimee federaalizimii ilaalcha qulqulluudhaan yoo ilaalle, miidhaa isaarra bu’aa isaatu caala. Sababnisaa ka’umsi federaalizimii maali jennee yoo yaadne, biyya akka keenya kana sabaa fi sab-lammilee hedduu qabdu kana keessatti ol’aantummaan saba tokkoo qofti karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa akka warra kaan caalee biyya tokko keessatti walitti bu’iinsi hin uumamnee fi biyya bittinnaa’uu irraa baraaruu jechuu dha, Kana yeroo jennu ammoo humnaan dirqama wajjin jiraachuutu ta’a kan jedhu osoo hin taane fedhii fi jaalala sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa irratti kan hundaa’ee dha.

Yaada lammileen biyya kanaa leecalloo biyya kanaa irraa wal-qixa fayyadamuu qabu jedhu yoo ilaalle, akka lammilee biyya kanaatti naannolee gara garaatti haa qoodamnuyyuu malee leecalloon eessa jiru kamiyyuu naanna’ee naanna’ee bu’aa lammilee hundaaf oola.

Biyyoota guddatan yoo ilaalle, akkaataan itti fayyadama federaalizimii isaanii sababawwan kanneen akka walitti dhufeenya sabaa fi sab-lammilee cimsuu fi fayyadamummaa leecalloo bifa haqa qabeessa ta’een mirkaneessuudhaaf.

 

Videos From Around The World

Naannoo Oromiyaa yoo ilaalle, akka naannootti of-danda’ee sirna bulchiinsa mataa isaa haa qabaatuyyuu malee, sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa keessaa kan Oromiyaa keessa hin jiraanne hin jiru jechuun ni danda’ama.

 

Maaliif akkas ta’e jennee yoo kan yaadnu ta’e, Naannoon Oromiyaa dachee bal’aa fi qabeenya uumamaan badhaatuu waan taateef qabeenya uumamaa sanarraa qofa fayyadamuuf qofa osoo hin taane, jaala sabni Oromoo saba biraatiif qabu baay’ee gaarii waan ta’eef dha.

 

Aadaan guddifachaa fi moggaasaa Oromoo saba biyya kana keessa jiru hundayyuu kan ofitti hammatuuf garaa garummaa tokko malee kan of keessa jiraachisu waan ta’eef sabaa fi sab-lammootni baay’een isaanii Oromiyaa keessa jiraachuu jaal’atu.

 

An amma yeroon taa’ee barreessaa jiru kanatti wanti natti dhaga’amu yoo jiraate, Oromiyaan akka biyya kanaatti “giddu gala ilaalcha Federaalizimii” yoo jedhamte kan itti xiqqaatu malee kan itti guddatu miti.

 

Egaan mata duree koo irratti Federaalizimii keenyaa fi  ilaalcha masaafintummaa waan jedhuun jalqabuu koo nan yaadadha. Hanga tokko waa’ee maalummaa federaalizimii tarreesseera. Ilaalchi Masaafintummaahoo maali isa jedhuuf,

 

“Masaanfintummaa” jecha jedhu kana eessaa fidde? Afaan Oromootiin hoo maal jedhama yoo naan jettan gabaabaatti dhugaadha deebiisaa hin beeku kan jedhuudha. Sababnisaa Masaafintummaan akka aadaa keenyaatti beekamaas miti, beekamees hin turre, gaariis waan hin taaneef amala badaa akkasii qabaachuu dhiisuu keenyattin gammada malee hiika jecha kanaa wallaaluu kootti hin gaddu.

 

Ilaalchi “Masaafintummaa” kun ilaalcha  ‘kankoo’, waan kooti, aadaa kooti, afaan kooti, duudhaa kooti, jedhu kan hin keessummeessinee fi dhimma waloo qofa irratti kan amanuu dha.

 

Ilaalchi kamillee taanaan garuu yoo gama waliin jiruu fi jireenya sabaa fi sab-lammoota biyya kanaatiin dhufe dhimmi waloo fi dhuunfaa keessumsiifamuu qaba.

Eenyutu ilaalcha “Masaafintummaa” kana fide yoo jettan gareewwan warren abbootii taayitaa biyya kana humnaan hacuucuu bitaa turan, warren biyya tokko, afaan tokko, amantii tokko jedhanii dha.
Masaafintootni yeroo baay’ee waan fakkeessan qabu, innis tokkummaa jecha jedhu of dura qabuun waan hin fakkaatne kan fakkeessanii dha. Garuummoo wantichi shira of-keessaa qaba.

Shira Masaafintootaa kun yeroo bara Masaafintii yoo ilaalle, maqaa biyya tokkumeessian jedhuun aangoo qoqqoodachuun, maqaa gara garaa walii kennuun lammilee biyyaa irraan dhiibbaa geessisaa, qabeenya saamaa, mirga lammilee sarbaa fuul-duraan ammoo tokkummaa tu labsama.

Bara sanatti bulchitootni naannoo geggeessan namootni cina isaanii hiriiran warren qomoo isa geggeessuu, maatii fi eenyummaa nama Sanaa lakkaa’anii erga bira ga’anii qofa dha, kan isaan lallaban ammoo akka yaadaatti tokkummaa dha.

Tokkummaa tokkummaa jennee wagga kuma meeqa yoo boonyellee tokkummaan humnaan dhufu kamillee hin jiru. Sababnisaa lammileen biyya kanaa tokko ta’an jechuun, yaadaan tokko, fedhiidhaan tokko, ta’an jechuu dha. Kunimmoo humnaan waan dhufu osoo hin taane, fedhii fi jaalala lammilee biyya kanaa qofa irratti hundaa’ee kan dhufuu dha.

Ilaalchi federaalizimii dhugaa fi Ilaalchi masafintummaa wal-faana deemuu hin danda’an. Sababnisaa Federaalizimiin kan inni labsu “Garaa garummaan yoo jiraateyyuu jaalalaan wajjin jiraatanii kan argatan waliin nyaataniii yoo dhaban waliin agabuu buluu” kan jedhuudha.

Masaafintummaan ammoo “lallaba tokkummaa isa sobaa of fuuldura mirmirsuun ol’aantummaan saba tokkoo qofti’ ammallee akka itti fufu gochuu dha.

Waamichi tokkummaa akka Federaalizimiitti waamamu kan fedhii fi jaalala qofa irratti hundaa’e ta’uu isaa kan nuuf mirkaneessu heera biyyattiiti malee lallaba qilleensarraa ykn piroppogaandaa siyaasaa miti.

Federaalizimiin biyya kanaa akka jedhutti lammileen biyya kanaa hanga fedhiin isaanii hin miidhamnetti jaalalaan sabaa fi sab-lammoota biyya kanaa kanneen biro wajjin jiraachuu akka danda’an, bakka barbaadan deemanii hojjechuu akka danda’an heera qabatamaatu barreeffamee jira.

Kun hundinuummoo hin danda’amne taanaan ammoo mirgi hiree ofii ofiin murteeffachuu hanga fottoquuttillee (Heera Mootummaa Keeyy.39) kan jiru waan ta’eef lammileen biyya kanaa dirqamaan walii wajjin jiraachaa jiru wanti jedhu hin hojjetu jechuu dha.

Walumaa galatti.jaarraann 21ffaa kun yeroo itti addunyaan ‘mandara’ (ona) tokko ta’uuf tattaffii keessa jirtu waan ta’eef, biyyi Itiyoophiyaa kun ammoo muuxannoo lammilee hedduu qabdu kanatti fayyadamtee Addunyaa wajjin deemuutu irra jiraata malee, sabaa fi sab-lammileen biyya kanaa wal-qoqqooduun tasumaa irra hin jiraatu.

Nutis sabaa fi sab-lammoonni biyya kana keessa jiraannu, duudhaa waliin jireenya keenyaa daran cimsinee, garaa garummaa keenya akkuma jirutti qabannee waan tokko nu taasisu humna tokkoon waliin hojjechuu qabna.

 


Back to Front Page