Back to Front Page


Share This Article!
Share
Gibira kaffaluun ammayyummaa dha!

 

Gibira kaffaluun ammayyummaa dha!

Tokkummaa Biyyaa tiin 05-07-18

Waa’ee gibiraa yeroo ka’u, dhimmi misoomaas duukaa ka’uu akka qabu hunda keenyaaf ifa ta’uutu irra jiraata.Gibira kaffaluun dirqama ta’uun kan irra jiraatu osoo hin taane, kaka’umsa ofiitiin waan kaffalamuu qabuu dha.

Akka lammii biyya tokkootti biyyi kun maaliif hin guddattu? Maaliif misoomni bu’uuraa nuuf hin diriirfamu jennee yeroo baay’ee gaafanna.

Haa ta’uyyuu malee dhimmi guddinaa wajjin wal-qabatee ka’u kamiyyuu maallaqaa wajjin kan wal-qabatuudha waan ta’eef mootummaanis galii argachuu qaba, maddi galii mootummaa inni ol’aanaan ammoo gibira lammilee irraa walitti qabamuu dha.

Yeroo gibira jennu hojii hojjennuuf bu’aa argannu irraa ka’uun parsantaa xiqqoo mootummaaf kaffaluu jechuu dha. Mootummaaf kaffaluu yommuu jennu ammoo mootummaan qarshii kana akka galfataatti walitti qabee hojii misoomaaf kan oolchuu dha malee dhimma biraaf kan oolchu waan hin taaneef gibira kaffaluun aadaa ta’uu qaba.

Aadaa biyya kanaa keessatti keessumaa daldaltootni wagga guutuu rakkoo tokko malee daldalaa ba’anii yeroo gibira kaffaluun ga’u mootummaa wajjin wal-coqqoluutti ka’u. yoo teenyee ilaalle ammoo qama kamiinuu caalaa gibira biyyaaf kaffalamu irraa irra caalmaatti fayyadamaa kan ta’an warra daldala daldaluun jiraataniidha. Sababnisaa gibirri kaffalamu kun daandii kan tolchu waan ta’eef akka barbaadanitti daandii kana irra socho’uun rakkoo tokko malee hojii isaanii geggeeffatu.

Qaamoleen gara garaa nageenya biyya kanaa eegsisuuf bobbaa’anii jiran kuma dhibbootaan lakkaa’aman yeroo arginu faayidaan isaanii hagas mara barbaachisaa akka hin taanetti ilaaluu malla. Garuummoo osoo lammileen nageenya biyya kanaa eegsisan kunneen hin jiraannee hojii dabalataa kan biraa hojjechuu mitii nagaan gadi ba’anii galuun iyyuu baay’ee ulfaataa ta’uu isaa tilmaamuun nama hin rakkisu. Lammileen kunneen yeroo nuti bullukkoo ho’ifannee mana keessa ciifnutti, nageenya keenya eegsisuuf jecha gaaraa fi dacha meeqa ce’uudhaan hanga lubbuu isaanii dabarsanii kennanittillee nu eegaa jiru. Egaa kun hunduu akkamiin ta’uu danda’e, eenyutu miindaa isaanii kaffalaaf jennees wal-faana yaaduun barbaachisaa dha. Mootummaan miindaa qaamolee kunneenii kaffaluuf carraa inni qabu tokkichi gibira lammilee biyya kanaa irraa walitti qabamu qofaa dha.

Yeroo baay’ee tajaajila bishaan qulqulluu jennee miidiyaa irratti gaaffii kaasaa oolla. Akkuman armaan olitti kaase hojiin misoomaa kamiyyuu maallaqa malee ta’uu akka hin dandeenye osoo beeknuu, yeroo tajaajilli bu’uuraa nutti hir’atu gaaffiin nuti gaafannu irra caalaan isaa deebiin isaammoo nu bira jiraachuu isaa beekuun barbaachisaa dha. Namni tokko galii argatu beekee waan mootummaaf akka galfataatti kennamee bir deebi’ee hojii misoomaaf oolu dafee mootummaatti kennuu qaba.

Yeroo ammaa kana akka biyyaatti dheebuun misooma lammilee baay’ee dabalaa jira, garuummoo aadaan gibira kaffaluu ammallee duubatti hafaa dha. Aadaan gibira kaffaluu keenyaa kan hin daballe yoo ta’e, fedhiin misooma keenyaa dabaluu qofti faayidaa hin qabu. Sababnisaa hojiin bu’uura misoomaa waaqarraa kan nuuf dhufu osoo hin taane , bu’aa kaffaltii gibiraa irraa argamuu dha.

Waggaa waggaadhaan ijoollee keenya mana barumsaa, kolleejii fi dhaabbilee barnoota ol’aanoo kanneen birootti ergachuun keenya waan hafu miti. Teenyee yoo ilaalle miindaa barsiisaan wagga guutuu nyaatu, ijaarsi gamoowwan daree barattootaa, eegumsi ijoollee keenyaaf taasifamu, baasiin dhimma baruu fi barsiisuutiif ba’u hundinuu qarshii karaa gibiraan argamu irraa waan ta’eef osoo waaqayyo ija keenya banee jennaan gibira nutti ramadamu caalaa fedhii keenyaan gargaarsa gooneeyyuu hin xiqqaatu jedheen yaada.

Videos From Around The World

Biyyoota guddatan keessatti gibira kaffaluu jechuun, akkuma nama maatii isaaf waan barbaachisu hunda guutuuf baajata ramaduutti ilaalama. Kanaafis gaaffii nama tokkoo malee amantaadhaan gibira kaffaluun baay’ee baratamaadha. Kanarra darbee gibira mootummaaf ta’u dhimma biraaf oolchuun ykn hatuun saalfii guddaadha itti gaafatamummaan isaas baay’ee guddaadha. Kanaaf dhimmi gibiraa hagas mara waan wal-nama mormisiisu miti. Abbaa dhimmaatu gibira narraa fuudhaa jedhee gaaafata malee waraqaan poolisii itti ba’ee kan kaffalu miti jechuu dha.

Maal qaba biyya keenya keessattis amalli akkasii biyya ol adeemtuu kana keessatti yoo guddate? Silaa mootumaanis waan dhiphatuuf hin jiru. Salphaadhumatti gaaffii uummataa deebisuu danda’a ture.

Biyya Itiyoophiyaa kana keessatti galii xiqqaa kan argatu baay’inaan hojjetaa Mootummaa ti. Garuummoo amantaadhaan gibira mootummaa kan kaffalus, hojjetaa mootummaa ti. Fakkeenyummaan hojjettoota mootummaa kunis lammilee hunda biratti  baratamaa ta’uu qaba. Baay’inni lammilee biyya kanaa irra caalaan kanneen hojii biro hojjetan waan ta’eef isaan kunneen amanamummaadhaan gibira osoo kaffalanii dhiibbaan sababa gibiraan nutti dhufu hir’achuu mala.

Akka biyyaatti guddina biyyootni biroon irra ga’an hunda ga’uudhaaf fedhii qabna. Garuummoo waan hudhaa nutti ta’u yoo jiraate, inni guddaan dubbii maallaqa qabaachuu ti malee, mootummaan akka qama biyya kana geggeessuutti hiyyummaa lammilee biyya kanaa fedhee callisee waan ilaalu miti.

Biyya kana fedhiin keenyaaf gochi keenya walii faallaa dha. Fakkeenyaaf suuqii ta’e tokko deemnee meeshaa isa gaarii filannee yeroo gatiin meeshicha madaalu nutti himamu ammoo haga meeshichatti gammadne hin gammadnu. Kana jechuun fedhiin keenyaaf murtoon keenya wal-faana hin deemu jechuu dha.

Mammaaksa tokkotu jira- innis “qarshii baasan foon nyaatu” kan jedhuu dha, Mammaaksa kanarraa wanti hubachuu dandeenyu, nama waan isarraa barbaachisu kaffaluu danda’utu foon bay’eessa isaa nyaachuu danda’a jechuu dha. Kanaaf fedhiin nuti guddinaaf qabnuuf hirmaannaan nuti misooma keessatti qabnus jabaatee itti fufuu qaba.

Akka biyyaatti hojiiwwan gurguddootu nu eeggata. Daandii dheeraatu nu fuuldura jira. Dargaggoota hedduutu hojii barbaada. Kanaaf carraa hojii uumuun dirqama. Hojiiwwan kanneen uumuun ammoo pirojektiiwwan gurguddoo kanneen akka Paarkiiwwan Industirii gara garaa ijaaruu dhaan ta’uu mala.

Egaa karoora gara fuula duraatti qabnu kanneeniif madda maallaqaa keenya kan ta’e gibira kaffaluun dirqama.

 


Back to Front Page