Back to Front Page


Share This Article!
Share
Ida’amne Haacimnu

Ida’amne Haacimnu

Ibsaa Namarraa 06-04-18

Feedhii fi dhibbaa ummata Itiyoophiyaa maraan hooggansi haaromsaa gara angootti dhufu erga jalqabe waggaa lama lakkoofsiisufi. Oromiyaa keessa balaaleeffannaan ummata, irra caalaan dargaggoonni ittiin hirmaatan bara 2008 ji’a Sadaasa jalqabe adeemsifamuun isaa niyaadatamaa. Haalli kun ADWUIn rakkoo akka laayyootti bira daruu hindandeeyne keessa akka argamu huubachisee jiraa. Sochiin ummataa Oromiyaa keessa eegalee gara naannoolee biroos ceehee, ADWUIn karaa hamma san ittiin deemeen qajeeluu akka hindandeenye huubachise. Rakkoon kun, dhaabbaticha irra taree biyyattiis  balaa irra busuu  akka dandahus huubatee, haaroomsa gadifageenyaan rakkoo isaa yaaluuf murteesse. Haaroomsi kun, keessattuu naannoo Oromiyaa keessa dhuma bara 2008 irratti bu’aa argamsisu jalqabe; hooggansa haaraa – hooggansa haaroomsaa gara taa’itaa mootummaatti fidu dhaan.

Hooggansi haaroomsaa Oromiyaa kun, mul’isa jijjiiramaa ta’e bahe. Naanoo keessa waggootan kurnan lamaa fi walakkaa darban keessa haala hinilaalmneen hooggansaa fi ummata gidduu wal’aamntaani fi waligalteen uumame. Hooggansi haaroomsaa ummanni gooftaa kiyya jeedhe gara uummttatti dhiyaate, ummata bira amantaa rakkoo dhabiinsa buulchiinsa qajeelaa fi haqa, rakkoo kiraa funaatummaa akksumas rakko dhabiinsa hojii dargaggoota hir’isu dandaahaa jedhu uume. Hooggansi haaraa haala duraan hinbeekamneen amantaa ummata argachuu dandahe kun, garee hooggansaa Obbo Lammaa Magarsaan durfamu fi ministeera mummee RFDI Obbo Abiy Ahimadis kan of keessa qabate ture.

Tarkaanfiin haaroomsaa mootummaa naannoo Oromiyaa keessa fi dhaabata naannoo bulchu DhDUO keessa fudhatame dhabbatoota ADWUI fi mootummoota naannoolee biroo keessas fudatamu eegale. Amma, kunoo wayita ummataa fi mootummaa giddu walamntaan itti uumame fi ummanni abdii egeereen ifaa dhaa jeedhu hoore irratti geenye jirraa.

Haala yeero amma itti argamnu ilaalchise haammana jeedhe, gara duubatti isiin haadebisu. Seenaa biiyyatti jaarraa tokko ol lakkoofsise keessa, ilaalchoonni faallaa ta’an walmorkaa turuun issani nibeekamaa. Wlamoorkin kun gara tokkoon saboota fi sablammoota gaaffii bilisummaa fi walqixxuummaa kaasan, gara biraatin ammo waarra gaaffii bilisummaa walqixxuummaa sabootaa, akka adeemsa biyya digu godhanii fudhatan giddu kan adeemsifamaa ture.

Videos From Around The World

Eerga sirni feedaraalwaa saboonni, sablammooni fi ummattoonni biyyatti ofiin of itti bulchan ijaarame booda haacuuccaan sabootaa fi sablammoota fala argatulle, walsukkummiin ilaalchoota lamaan iitti fufe jiraa. Sababni walsukkuummii;  saboonni fi sablammoonni gaaffiin mirga isaanii kabajameef, feedhii sirna feedaraalwaa tikfachuuf qaban; gara biraattin warreen saboonni sablammoonni ofiin of bulchu isaani tokkummaa biyyatti rakkoof saaxilaa jeedhani amanan ammo feedhii sirna feedraalwaa diguuf, kun ta’u baannaa akkaataa caaseeffame jijjiiruuf qabani dhaa.

Egaa; dhaabbanni Oromiyaa bulchu- DhDUOn warreen tokko tokkoon akka sooda tokkumma biyyatti ilaalamaa ture. Tau’lle hooggansii haaroomsaa gara taa’ittaatti dhufe, amala ittiin shakkammaa turerra adda ta’u isaa ifaan mul’ise. Hooggansi haaroomsaa, garaagaruummaan enyummaa  tokkummaa biyyattiif gufu osoo hinta’ini bu’uura tokkummaa ta’u akka dandahu mul’isuuf addadurummaan dhaabbate. Sochiin kun yammuu jilli preezidaantii mootummaa naanichaa Obbo Lammaa Magarsaan durfamu, ministeera mummee ammaa Dr Abiy Ahimad dabalatee hoggantoota naannichaa biroo, abbootii gadaa, jaarsoolii biyyaa, abbootii amantaa of keessa haammate gara naannoo Amraatti imaleen ifatti mul’ate. Imalli haariiroo ummata lamaan giddu jiru cimsuu kaayyeefatee adeemsifame kun, dhaabooliin mootummoota naannoolee bulchaa jiran sooda tokkummaa biyyatti akka hintaane raga bahe jiraa.

Erga kun raawwatame  ji’oota muraasa booda, Dr Abiy Ahimad dura taa’aa DhDUO FI ADWUI ta’ani filataman. Itti fufees miniisteera mummee RDFI ta’ani mudaman. Haala kanaan wal’aamntaan mootummaa fi ummata, kakka’umsi jijjirraa, abdii, miira tokkummaa . . . Oromiyaa keessa uumame gara Itiyoophiyaa mara babal’ate. Ministeerri mumee Dr Abiy dhaamsa haasaa sirna muudama isaan irratti dabarasaniin, tokkummaa cimaa Itiyoophiyaaf xiyyeefannaa adda akka keennan mirkaneesanii jiru. Dhaamsa tokkuummaa Itiyoophiyaantummaa ilaalchisee dabarsan keessa;

Amaarri Kaarraa Maarraa iraatti walabummaa biyaaf jedhee wareegame biyyee Kaarraa Maarraa waliin makame jiraa. Tigreen Matammaa irratti biyya kiyya duura moorma kiiya jeedhee biyyee Matammaa ta’e hafee jiraa. Oromoon tulluuwwan Adwaa irratti walabummaa biyyattiif wareegamee biyyee Adwaa waliin makame jiraa. Sumaaleen, Sidaamni, Beenishaangulli, Walaayitaan, Gambeelli, Guraageen, Affaarri, Silxeen, Kambaanni, Haadiyyi fi saboonni biroo Baadimma irratti biyya isaaniif wareegamani biyyee Baadima waliin makamani jiru. Fooni fi lafeen Itiyoophiyaantoota kamiyyu, iddoowwan Itiyoophiyaa kamiyyu keessa biyyee ta’eet argamaa. Itiyoophiyaantoonni yammuu jiraannuu Itiyoophiyaanticha, yammoo dunu ammo Itiyoophiyaa tanaa.

Kan jeedhu niyaadatamaa.

Akka ministeerri mummee Dr Abiy jeedhanitti; Itiyoophiyaantoonni afaan, aadaa fi dudhaa adda addaa qaban, biiyya isaanii lafa sabni isaani ittiin jiraatu qoofa akka ta’e godhani hinfuudhane. Qarree kibbaa, bahaa fi lixa biiyyattoi irraa wareera Xaaliyaanii ittiisuuf gara Adwaatti kan duulan kanaafi. Oromoon, Sidaamni, Walaayitaan, Guraageen . . . dinni lafa laga Abayyaa gama jiruutti lixe, akka biyya kiyya tuqeetti hinlakkaawamu jedhanii fagoon ilaalaa hinteenye. Itiyoophiyaa akka biyya walabummaa fi bilisummaa isaanitti waan fudhataniif bilisummaa kana tikfatanii gara dhalootatti dabarsuuf lubbuu isaanii wareeguuf murteessani dulanii jiru. Loolli Adwaa tokkuummaan cimaa garaagarummaa keessa jiru ittin mul’ate utuba seenaati. Kanaafu; tokkummaan Itiyoophiyaantummaa, kabajamu fi tikfamu qabaa.

Garaagarummaan Itiyoophiyaantoota giddu jiru, garaagarummaa aafaani fi aadaa qoofa miti. Garaagarummaan ilaalcha siyaasaas nijiraa. Wanti guddaa garaagarmummaan kun tokkummaa biyyattiif sooda akka hintaane godhu dhaa. Ministeerri mummee Dr Abiya haasaa sirna mudama isaan irratti taassiisaniin garaagarummaa ilaalcha ilaalchise kan armaan gaditti tuqame jeedhanii ruran.

Biyya tokko keessa garaagarummaan ilaalchaa nijiraataa. Garaagarummaan akkuuma jiru ta’e, waligalu yoo dandeenye garaagarummaan ebbaa nuf ta’aa. Falmii ilaalcha gidduu adeemsifamuun, furmaanni nidhalataa. Gamtaa keessa huumni nijiraa. Yoo ida’amne nicimnaa. Rakkoon tokkummaan hinfuramne hinjiru. Tokkummaan biyya ijaaru dandeessissaa. ‘ilaalchi kiyya yoo hinjifate malee du’een argamaa’ jecdhu biyya ijaaruu hindandeessisu. Biyya dhisaati maatille nidigaa. Biyya tokko qabnaa. Tokkummaan biyyatti  Ilaalcha siyaasaa kamiiyyuu caalaa. Tokkummaa jeechuun garuu walfakkaachu jeechu akka hintaane huubatammu qabaa. Tokkummaan keenya garaagarummaa keenya kan haammate fi heedduumina keenya gamtaa sabaan kan midhagsu ta’u qabaa.

Itiyoophiyaan biyya heedduummina ilaalcha taatulle, sirna heedduumina kana kessumsisu dhabu dhaan walitti-bu’insi lubbuu lammiilee miliyoonaan lakkaahamu balleesse fi lammiilee miliyoonaan lakkaahaman biyyaa baqachise mudachaa ture. Haalli biyyatti bara 1967 irraa hanga 1983 keessa ture kanaaf rgaa bahaa. Ministeerri mummee Dr Abiy akka jeedhanitti ‘ilaalchi keeyya  hinjifatu malee’ jeedhu, biiyya dhisaati maatiille nidigaa. Haalli kun walitti-buinsa bara 1983 duura biyyatti keessa adeemsifamaa tureen qabatamaan ilaalame jiraa.

Bara 1983 booda mirgi, ilaalcha feedhna qabachu, ibsuu, tarkaanfachisu kkf heera mootummaatiin kabajame jiraa. Ta’ulle fixaan bahiinsa irrtti qaawaan mul’ataa ture. Qaawaan kun kan uumame dhabiinsa waldandahuu fi walkabjuu demookraasiin gaafatu irraa kan maddee dhaa. Rakkoon kun mootummaa fi dhaabata biyya bulchaa ture irratti qoofa kan mul’ate miti. Rakkoon kun gara dhaabbiilee siyaasaa moorkattoottaas inuma jiraa ture.

Itiyoophiyaantoonni garaagarummaa ilaalcha qabaatanlle, isaan marti Itiyoophiyaantoota. Itiyoophiyaantummaan dudhaa garaagarummaa ol ta’e waan walqoodaniif, tokkummaa Itiyoophiyaantummaa isaanii dagachu hinqabani. Akka ministeerri mummee Dr Abiy jeedhanitti; garaagarummaan ilaalcha abaarsa miti. Garaagarummaan akkuuma jiru ta’e waliigalu kan dandeenyu taanaan garaagarummaan ilaalchaa, ebbaa nuuf fidaa. Garaagrummaan eebbaa kan fidu dandahu taanaan Ilaalcha tokkummaa jeedhu soodachu hinqabnu. Tokkummaa akka walfakkaachu goonees fudhachu hinqabnu. Akka ministeerri mummee ibsanitti; tokkummaa jeechuun walfakkachu akka hintaane hubatamu qabaa.

Ministeerri mummee Dr Abiy waayee tokkummaa Itiyoophiyaantummaa garaagarummaa keessa jiru haasaan qoofa miti kan ibsani. Dhaabbattoota siyaasaa enyummaa saba irratti hundaahaniis  ta’e ilaalcha siyaasaa birootiin gurmaahanii biyya keessaa fi aala socho’aa jiraniif moorkii siyaasa nagayaa irratti akka hirmaatan waamiicha dabarsanii jiru. Dhaabbattoonni siyaasaa heddu waamiicha kana fuula gaariitiin ilaalani jiru. Wamiicha kanaan, dhaabbnni qabsaahoota mirga Oromoo angafootaan durfamu ADOn gara biyyatti gale jiraa. Kun hinjifanno guddaa dhaa.

Kana qoofa miti. Namoonni ilaalcha siyaasaa garagaraa tarkaanfachisaa turani fi yakkaan himatamnii adabni ittiin murtaahe ture, akksuumas yakkaan shakkamnii himnnaa irra turan dhifamaani fi himammi isaani addaan cite akka gadilakkiifaman godhame jiraa. Tarkaanfiin kun dirree siyaasaa bl’aa ilaalchoota gara garaa baachuu dandahuu uumuuf; akkasuumas tokkummaa garaagarummaa keessa jiru cimsuuf kan fudhatame dhaa. Kana malees, ministeerri mummee, daawwanna biyyoota olla fi giddu gala bahaa Saa’udi Arabiyaa fi Gamtaa Emiiroota Arabaa godhaniin, lammiilee Itiyoophiyaa sababa gara garaan biyoota kana keessa mana hidhaa turan akka gadilakkiifaman gaafatanii milkaahanii jiru. Tarkaanfiin kun lammileen fi dhalattoonni Itiyoophiyaa biyya kammiiyyuu keessa jiraatan biyya isaaniitin akka boonan taassiisee jiraa. Mirrii biyyaan boonuun kun bu’uura tokkummaa Itiyoophiyaantummaati.

Walumagalatti; hooggansii haaroomsa amma biyya hoogganaa jiru tokkuummaa garaagarummaa ol ta’e ijaaruuf kakka’umsaa cimaan hojjachaa jiraa. Tarkaanfilee hanga ammaa fudhatamniin bu’aan qabatamaa argame jiraa. Bu’ooleen hanga ammaa argaman fuldurattiis milkaahinni akka jiru nimul’isu.

Eegaa; tokkummaan Itiyoophiyaantummaa biyyatti dina irraa ittiisuun walabuummaa ishee kabajsisu dandeessiisuun isaa ifaa dhaa. Tokkummaan Itiyoophiyaantummaa kun; walabuummaa, nageenya, misoomaa fi badhaadhina fula’aaf bu’uura. Tokkummaa qabaannaan nageenya qabaannaa, nageenya qabaannaan nibadhaanaa. Kanaafu; ida’amne tokkummaa keenya haacimsinu.


Back to Front Page