Back to Front Page


Share This Article!
Share
Itiyoophiyummaan Jaalala!

 

Itiyoophiyummaan Jaalala!

Yoonaas Toleeraatiin 06-24-18

Barreeffamnikoo har’aa gabaabinaan dhimma hiriira galateeffannaa MMI Dr.Abiy Ahmad wajjin wal-qabatee waanan taajjabe barreessuum barbaadaan ture.

Dr.Abiy Ahmad erga gara Muudama Muummee Ministeerummaatti dhufanii, reefuu gara ja’a sadiitti siqaa jiru. Hojii isaan yerottii gabaabduu kana keessatti hojjetan, hojii salphaatti tilmaamamuu hin danda’amu, keessumaayyuu biyya diigamuuf qarqara irra geessee turteef waan abjuu ti.

Osoo isaan aangootti hi dhufin,keessumaa waggoottan sadan darban kana, nageenyi biyya kanaa burjaaja’uu isaarraan kan ka’e, imalli biyyattii gara fuula duraa osoo hin taane, waggaa sadiif garuma boodaatti ture.

Mee haa ilaallu, biyyi akka Itiyoophiyaa kun Karoora Guddinaa fi Tiraansfoormeeshinii Waggaa shan shaniin qabachaa jirtu, waggaa sadii dudda duubatti deebi’uun ishee hagam miidhaan isaa cimaa akka ta’e.

Kana jechuun altokko daandii guddinaa irraa ceenaan itti deebi’uunsaa hagam ulfaataa akka ta’e tilmaamuunis nama hin rakkisu.

Burjaajii akkasii keessaa raafamaa turte egaa biyyi keenya Itiyoophiyaan waggoottan sadan darbaniif, keessumaa inni waggoottan lamaan darbanii ammoo baay’ee yaaddessaa ture jechuun ni danda’ama.

Garuummoo Waaqayyo biyya kana gatee hin gatu waan ta’eef ,yeroo dubbiin hammaattee, jeequmsis biyya kanatti hojii idilee ta’ee ture tokkotti, Muumichi Ministeera duraanii obbo Hayilamaariyaam Dassaalenyi fedhii isaaniitiin aangoo akkuma gadi dhiisaniin, kaadhimamtoota obbo Hayilamaariyaamiin bakka bu’an keessaa tokko Dr.Abiy dha yeroo jedhamee oduun tokko tokko ba’uutti ka’u, sabaafi sab-lammoonni biyya kanaa hedduun isaanii ija isaanii Dr.Abiy Ahmad irra kaawwatan.

Furmaatni biyya kanaas harka Dr,Abiy akka jiru irra deddeebi’amee karaa gara garaa ,miidiyaalee hawaasaa kanneen akka Feesbuukii, twitter fi kkfn dhaamsi isaanii guyyaa guyyaa akka Dr.Abiy Muummee Ministeera biyya kanaa ta’u dhiibbaa taasisuu ture.

Akkuman sila jedhe waaqayyoo iyya saba kanaa hin daganne, fedhiin saba kanaa galmaa ga’e, Dr.Abiyyis Muummee Ministeera Itiyoophiyaa ta’uun muudaman.

Guyyaa gaafa muudama isaaniitii ka’ee sabaa fi sab-lammoonni biyya kanaa abjuu keessa jira jechuun ni danda’ama. Sababnisaa hojii isaan yeroo gabaabduu kana keessatti hojjetan yeroo ilaallu, edaa yoo hojjetan jijjiiramuun jiraay? Jennee akka of-gaafannu nu taasise.

Dr.Abiy erga gaafa muudameetii kaasee guyyaa tokko boqonnaa malee, seenaa biyya kanaa jijjiiruuf nama hojjetaa jiru waan ta’eef miirri lammilee biyya kanaa hojii isaatiin hawwatame.

Dhugaa dubbachuuf guyyaa isaan aangoo irra jiran kana hundumaa waa’ee isaanii ilaalchisee guyyaa guyyaatti odeeffannoo haaraan hojii isaanii wajjin wal qabatanii ba’an hedduu nu ajaa’ibsiise.

Biyya keessatti, ilaalchi obbolummaa akka dagaaguu dandeettii fi muuxannoo isaaniitti fayyadamuu dhaan, haasaa isaan taasisan qalbii nama hundumaa waan hawwateef yeroo ammaa kana hundumtuu ilaalchi Obbolummaa, afuura Itiyoophiyummaa keessatti baay’ee jijjiiramaa jira. -Dubbiin ijoo koos asiratti naaf haa qabamu.

Kanaan dura Ilaalchi Itiyoophiyummaa kan sabootaa fi Sab-lammoota biyya kanaa hunda biratti akka dagaaguuf hojjetamaa ture, humnaa fi fedhii sabootaa fi Sab-lammoota biyya kanaa ala waan tureef, akka fedhii bulchitoota yeroowwan darbaniitti dagaaguu hin dandeenye. Yoo dagaageera ta’es, garee fi firoota bulchitoota yeroo Sanaa biratti malee saboota biro biratti hagas mara dagaageera jechuu hin dandeenyu.

Haa ta’uyyuu malee, ji’oota sadan kana keessatti ilaalchi “Itiyoophoyummaa” jedhu kun haala nama ajaa’ibsiisuun babal’achaa jira jechuun ni danda’ama.

Fakkeenyaaf anuma isa waan kana barreessa jiru yoo fudhanne, waa’ee Itiyoophiyummaa takkaa yaadees, dhiphadhees hin beeku. Hamma naaf danda’ametti yeroo warri kaan “Itiyoophiyaa Tiqdem” jedhan animmoo Oromiyaan haa dursitu jechaan hanga har’aatti as ga’e, -waa’een Itiyoophiyummaa kun hagas mara nah in dinqus ture.

Videos From Around The World

Garuu, erga kabajamoo Dr.Abiy aangootti dhufanii, namoota waa’ee Itiyoophiyummaa kanaa jaalataniif falmaniif keessaa isa tokko ta’een jira. Yeroon kana jedhu, sababa muudama isaaniitiin sanyummaan natti dhaga’amee osoo hin taane, akkaataa isaan waa’ee jaalala biyyaa barsiisan waan naaf galeef dha.

Dr.Abiy yeroo waa’ee Itiyoophiyummaa fi jaalala biyyaa barsiisan ofii isaaniiyyuu jaalalaan waan barsiisaniif , namni isaan hin dhageenye tokko hin jiru.

Humnaan nama amansiisuu yaaluun, dhimma tokko booda rakkoon akka jiru waan agarsiisuuf, daandii dogongoraas namatti fakkaata.

Haa ta’uyyuu malee waan nama miidhu tokkoyyuu yoo ta’e, jaalalaan kan ibsinuuf hubachiifnu yoo ta’e, qalbiin namaa jijjiiramuun isaa hin hafu.

Egaa hojii Dr.Abiy ilaalcha Itiyoophiyummaa kana dagaagsuuf hojjetan hanga yoonaatti baay’ee kan nama gammachiisu waan ta’eef, akkaataa sadarkaa barbaadamuuttis yaada sabaa fi sab-lammilee biyya kanaa waan jijjiireef namni hundinuu ilaalcha kana jaalachaa fudhachaas jira.

Jecha Dr.Abiy keessaa tokko yoon fudhadhe, “ Yoo lammiin Itiyoophiyaa tokko Naannoo isaa ala iddoo tokko deemee akka jiraatuuf gaafate, lakki ati naannoo kana miti naaf ba’I kan jennu ta’e, gocha warra koloneeffattootaa isa jibbaa turre Sanaa wajjin garaagarummaan keenya maali?, Itiyoophiyaan keenya kan waliinii keenya, wal-jaalannee wal-kabajnee kan jiraannu yoo ta’e, ofirraa hafneeyyuu orma ni geenya” kan jedhu dubbii ijoo isaan yeroo mara bakka deemanitti kaasanii dha,

Dadhabbiin isaaniis lafatti hin hafne kunoo ji’a sadii keessatti firii argachuu eegalee jira.

Egaa guyyaa gaafa 16-10-2010 hojii Dr.Abiy hanga ammaatti hojjetan galateeffachuudhaaf waamichi jiraattota magaalaa Finfinneetii fi  Naannoo isheef godhamee akka ture ni yaadatama.

Dhugaa dubbachuuf qophiin sirna galateeffannaa kanaaf taasifame, yeroo kamiinuu caalaa waan addaa akka ture Miidiyaawwan gara garaa ni addeessu, Hanga yoonaattis geggeessitoota Itiyoophiyaatiif uummanni fedhii isaatiin yaa’ee waan gaarii inni hojjeteef nan galateeffadha jedhee hin beeku- tarii yoo mormiif ba’e malee,

Sagantaan sa’a sadiitti akka eegalamu beekanis baay’een namoota hiriira kana deemanii saganticha abdii guddaadhaan waan eegaa turaniif halkanillee irriba malee kan bulan baay’ee akka ta’an odeeffadheen jira.

Anis dhugaa dubbachuuf taanaan, sa’a sagalii kaasee waa’ee hiriirichaan yaadaa bule jechuu nan danda’a. Sababnisaa waa’eedhuma Itiyoophiyummaa Kanaan dhaqee ilala jedheen murteesse. Sa’a 12tti yeroon achi ga’u bakki murteessaan qaata qabamee raawwate.

Haala hiriirichaa yeroon xiinxalutti, Itiyoophiyummaan kun edaa jaalalaa jedheen yaade, fuula hirmaattotaarra gammachuutu jira, sirbuu, taphachuu, asiif achi fiiguu, fedhii ofii ibsachuu faa tu ture.

Haala nama dhibuun dhaadhannoo barreeffame tokko yeroon dubbisu, “Ethiopia back to Grace, Ethiopia will be the most favored country by 2029” kan jedhu tokkon arge. Innis gara Afaan oromootti yoo deebi’u “ Itiyoophiyaan Surraashee duraaniitti deebi’aa akka jirtuuf bara 2020tti biyya Addunyaa irraa filatamtuu akka taatu abdii jiru dubbata.

Dhugaadha baay’een gammade, abdii lammileen biyya kanaa jijjiiramaa dhufaa jiruuf qaban guddaa ta’uu isaa ibsa..

Hiriira deggersa Dr.Abiy sanarraa wanti an hubadhe, lammileen biyya kanaa jaalalaan yoo qabaman, geggeessitoota isaanii waliin hanga du’aattillee kan imalan ta’uu hubadheera.

Sababnisaa akkuma hundi keenya beeknu, guyyaa gaafa Sanaa Muummicha Ministeeraa ajjeesuuf jecha namoota qindaa’anii ba’an , hirmaannaa hirmaattota wal-ga’ii sanaan fashalaa’uun isaa waan ajaa’ibaati.

Elaa jamaa wanti nuti hubachuu qabnu, humnaan nyaataniif humna hin ta’u akkuma jedhamu, jaalalaan wanti godhan yeroo hundumaa akka injifatan nama taasisa.

Jaalannus jibbinus, yeroo ammaa kanatti Uummatni Itiyoophiyaa, Ilaalchi Itiyoophiyummaa, Dr.Abiy injifatoodha jechuu ni dandeenya.

Itiyoophiyummaan aadaa fi afaan isa tokkoo caalchisanii kana qofatu nuuf ta’a osoo hin taane, ilaalcha gara garaa danda’uun (tolerate) gochuudhaan kan deemu yoo ta’e bu’aan isaa dafee akka qaqqabu argineerra.

Walumaa galatti, jaalalli humna guddaa waan hundumaa mo’uu danda’u hubachuun, muuxannoo dhuunfaa keenyaafillee yoo itti fayyadamne jijjiirama barbaachisu fiduu dandeenya kan jedhu yaada dhuunfaa kootiiti,

 

Horaa Bulaa

Waaqayyo biyya kana haa eebbisu!

 

 

 


Back to Front Page