Back to Front Page


Share This Article!
Share
Walqabatan Laga Cehuu

Walqabatan Laga Cehuu

Ibsaa Namarraa 05-16-18

Gatii nageenya, abbaa nageenya dhabeetu qoofa hubataa. Balaaleefannaan jeequumsaan dabaalame jalaqaba bara 2008 iraa egalee iddoo gara garaa biyyatti, keessttu Oromiyaa keessa adeemsifame nagaa booreessee turuun isaa niyaadatamaa. Haala kanaan lubbuun namoota heedduu darbee jiraa. Qabeenyi ummataa fi dhunfaa miliiyoona ibbaan shalagamu barbadaaye jiraa. Namoota anteen isaani jalaa du’ee irratti midhaa xinsammuu  geessiisee jiraa.

Maddi balaleeffannaa kanaa koomii ummanni mootummaa irra qabuu ta’un isaa dhuugaa dhaa. Kanaafuu, balaaleeffannaan barabaachisaa ture jeedhamee fudhatamu dandahaa. Balaaleeffannaan fudhatmaa kan qabu ta’uun isaa garuu midhaa inni geessiise hinhaambisne. Dhugaa dhaa; hooggansi wayita balaaleeffannaan ka’ee taa’ita irra turee, gaaffii fi koomii ummataa karaa nagaan dhiyaatuuf deebi keennuf feedhii fi kaka’umsa kan qabu akka hinturree nibeekamaa.

Amma balaaleeffannaa ummataan adeemsifameen hooggansii haaroomsa gara taa’itaa dhufee jiraa. Gaaffii fi komii ummataa dhagahee deebii laachuu irratti feedhiini fi kakka’umsi hooggansaa moofayee fi hooggansa haaroomsaa gidduu garaagaruummaan jiraachuun isaa ifaa dhaa. Kanaafuu, hooggansii mofayee ofhaareessee akka haaraatti uumamuuf akka murteessu balaaleeffannan huumnaa adeemsiifamuun isaa barbaachisaa turee jenne fudhachuun nidandaahamaa. Waamaraafuu; arsaa lubbuu fi qaamaan hooggansi haaroomsaa gara taa’itaa dhufee jiraa.

Balaaleeffannaan huumnaa hoogansa haaroomsaa gara taa’itaa akka dhufu godhuulle, dinagadee biyyatti irratti midhaa geessiisee jiraa. Bara bajata 2010 amma ittii argamnu ji’ootan saglan darban keessa, daldala biyya alaa irraa doolaara biliiyoona 3 fi qabxii 66 argachuuf kaaroorfamee ture. Yaata’u malee gan argachuun dandaahame doolaara biliiyoona 2 fi qabxii 1 qoofa akka ta’e Miniisteerri Daldalaa beeksisee jiraa. Raawwiin kun kaaroora irraa galii biliiyoona 1 fi qabxii 58 hir’atee jiraa. Gadii bu’insa raawwii kanaaf sababni gara garaa dhiyaate jiraa. Isaan keessa inni tokko dhabiinsa nageenyaa fi tasagabbii biyyatti keessa ture ta’u isaa ragaan Ministeerra Daldalaa nimul’isaa.

Haaluuma walfakkaatuun, bara bajata barana ji’ootan saglan darban keessa tuuriistoonni miliiyoon 1 fi qabxii 2 biyyatti nidaaw’atu jeedhamee kaaroorfame ture. Yaata’u malee tuuriistoonni biyyatti daaw’atan 756,758 qoofa ta’u isaanii Miiniisteerri Aadaa fi Tuuriizmiin beeksiisee jiraa. Jeequumsii biyyatti muudate ture keessattu jeequumsii jiootan jalqabaa baraa tuuriistoonni heeddu gara biyyattitti itti dhuufan keesaa muudate sababa gadibu’insa tuuriistoota akka ta’e Miiniisteerri beeksisee jiraa.

Videos From Around The World

Ragooleen tibbana armaan olitti tuqaman kun, balaaleeffannaan huumnaa ykn jeequumsi biyyatti keessa adeemsifame midhaa hangam akka qaqqabsiise nimul’isaa. Lamiileen carraa gaaffii fi komii isaanii gara nagaayatiin ittiin dhiyeessu dandahan yammuu dhaban gara jeequumsaatti ceehuun isaanii waan hinollee. Garuu adeemsii jeequumsa sababa qabatamaa qabatees, qabaachu dhabees midhaa qaqqabsiisuun isaas waan hinolle. Amma soochiin balaaleeffanaa waggootan darban adeemsifame firii horee hooggansii haaroomsaa gara taa’itaa erga dhufe booda, feedhii gaaffii ummataaf deebii keennuf qabuu ibsee jiraa. Kana tarees qabatamaan mul’isaa jiraa. Yeroo ammaa sababa gaafiin qabaa jeedhuun gara jeequumsatti seenuun ka’umsiis galmiis isaa badii ta’uun isaa hubatamu qabaa. Wantii kun tibbana iddoo tokko tokkootti mul’ate jiraa.

Tibbana Oroomiyaa Walllaggaa anaa Beegii keessa namoonni enyuummaan isaani hinbeekamnii pooliisoota irratti boombii darabatanii midhaa geessiisuu isaanii dhageenye jirraa. Godina Gujii, aanaa Oddoo Shaakkiisoo magaala Sahaakiisoo fi Adoolaa  haaroomsa heeyyma hojii Midrook Gold Laga Danbii wajiin walqabatee balaaleefannaa ka’een lubbuu fi qaama namoota irratti midhaan qaqqabe jiraa. Gara biraatiin magaal Mooyyalee keesa namoonni gareen qoqqodanii walittii bu’an namoota heedduu irratti midhaa qaqqabsisanii jiruu.

Wallaggaa Beegiitti midhaan boombii miseensoota poolisii irratti qaqabee fi magaala Moyyaleetti haalleellaan namoota nagaan jiraatan irratti raawwatame sababnii isaa maal akka ta’e, akkasuuma enyuummaan namoota yakka kanaan shakkaman waan hinbeekamneef duubiin haabulu jeennee hadabarru. Rakkoo godina Gujii magaaloota Shaakkiisoo fi Adoolaatti mudataee sababni isaa waan beekamuuf isa bal’inaan haailallu. Akkuuma armaan olitti tuqame, sababni jeequumsa Shaakkiisoo fi Adoola kubbaaniyyaa Midrook Gold jeedhamu naanawaa san Warqii hoomishaa ture heeyyamni hojii isaa haraawamuu isaati.

Dhima Midrook Gold ilaalchiisee Oromiyaa Broodkaastiing Netwoork (OBN) ji’oota muurasaa duura gabaasa dookmantarii tokko dhiyeessee ture. Gabaasnii dookmantarii OBN, keemiikaala summii hoomisha warqii irraa gadlakkiifamu da’imoota dhalatani fi haadhoolii irratti midhaa sukkanneessaa qaqqabsisu isaa nieraa. Midhaan iddoo warqiin itti hoomishamuutti  gahaa jiruu baay’ee sukkanneessaa ta’u isaa dookmantariin OBN nimul’isaa. Gabaasnii OBN midhaan sukkanneessaa kun keemikaala Midrook Gold irraa gadhiifamuun kan gahee ta’u isaa kallattiin raga bahuu dhabuulle, naannoo warqiin itti hoomishamaa jiruu keessa balaan sukkaneessa daa’imman dhalatani fi haadhoolii irrtti gahaa akka jiru raga bahaa.

Kanaafuu, sababni balaa kanaa qoratame, abbaa iitti gaafatamu qabuu addaan baasuun wanta haabulu jeedhamu mitii. Abbaan balaa kana buse midhaa geessiiseef beenyaa kafalu, kan seeraan gaafatamu yoo ta’ees gaafatamu qabaa. Fulduurattiis midhaa kana kan hiqaqqabsiinee ta’uun isaas mirkanaahuu qabaa. Dhala namaratti midhaa gahuu mannaa misooma warqii dhaabutu wayyaa. Galmi misooma fooya’insa jiruu dhala namaa qoofa. Misoomni bu’aa kanaan faallaa ta’e kamiyyuu akka misoomatti hinfudatamu.

Waamaraafu, Ministeerri Albuuda, Booba’aa fi Gaazii uumamaa feedaraalwaa, kubbaaniyaan Midrook Gold jeedhamuu, wagootan darban digdamaaf warqii hoomishaa ture, hoomisha isaa waggootii dhuufan kudhaniif akka itti fufu heeyyama hojii isaa haareessee ture. Heeyyamni hoomisha warqii Midrook Gold haaraawamu duura, kubbaaniyichi gabaas odiitii eegumsa naannoo ofii isaatiin hojjate dhiyeessu isaa Ministeerri Albuuda, Booba’aa fi Gaazii uumamaa beeksiisee jirraa. Ministeerri gara isaatiin saamplii fudhatee gara Awrooppaatti eergee qorachisee midhaa akka hingeessiisne mirkaneessuu isaa; Yuniivarsiitiin Finfinnees qoorannaa kana irratti hirmaate kanuuma mirkaneessuu isaa ifaa godhe ture. Heeyamni Midrook Gold kan haarawuu dandahee haala kanaan akka ta’e Miniisteerri ibse jiraa. Yaata’u malee ummanni midhaa sukkanneessaa daa’iman iddoo san dhalatani fi haadhoolii irratti, akkasuumas beeyladoota irratti qabatamaan mul’atu irraa ka’e heeyymni Midrook Gold haaraawamu hinqabu jeedhee koomii dhiyeessee jiraa.

Komii ummata ka’uumsa godhachuun Miiniisteerri Albuuda, Booba’aa fi Gaazii uumamaa umaata mareesiise. Mariin erga adeemsiifame booda heeyyamni hoomisha warqii Midrook Gold dhoorkamu isaa Miniisteerri beeksiisee jiraa. Heeyyamni kan dhoorkame ummanni komii waan dhiyeesseefi. Haamma qoorannii gadii fageenya qaama gara kamiiyyuu hinluugneen adeemsiifame midhaa akka hingeessiisne mirkanaahutti heeyyamni dhoorkaa irra turaa; akka Mniisteerri ibseetti.

Eegaa; OBNin gabaasa Midrook Goldiin keemiikaala summaayee gadiilakiisuun jiraatoota irratti midhaa geessiisee jiraa jedhuu dhiyeessuun isaa midiyaa ummata tokko iraa kan egamu waan ta’eef nigaltoomsisaa. Midiyooleen biros OBN akka fakkeenyatti fudhachuu qabu. Ummaniis koomii isaa midiyaaf eruun isaa, dhaabata midhaa geessiisee jiraa jeedee amanee  balaaleefachuun isaa, qaamoota dhimmi ilaallauu waliin mariif taa’uun isaa sirrii dhaa. Miniisteerri Albuuda, Booba’aa fi Gaazii uumamaanis koomii ummata ka’uumsa godhate heeyyama Midrook dhoorkuun isaa tarkaanfii sirrii dhaa. Garuu, balaaleefannaan humnaa ykn jeequumsi, darbaa lubbuu namaaf sababa ta’e kaasuun madaala kamiiyyuunu fudhtama hinqabu.

Waluumagalatti; ummanni yoomiiyyu, iddoo kamiiyuu komii qabaachuu nimalaa. Yaata’u malee; keessattu yeroo ammaa, hooggansii haroomsaa ummannii gooftaa kiyya jeedhu, ummata tajaajiluuf kutannoo isaa qabatamaan agarsisaa jiruu gara taa’itaatti dhufe jiru keessa, komii fi gaaffii balaaleeffannaa humnaan ibsuun safuu dhaa. Amma ummannii hooggansa haaroomasa cinaa dhaabbatee nageenya biyyatti kabajsisuuf, demookraasii fi miisooa dagaagsuuf sochii jalqabe jiraa. Abdiin qabatamaas mul’achaa jiraa. Haala kana keessa rakkoon yommuu mudatu, gamtaa mootummaa fi ummata keesa baahanii gara jeequumsatti qajeeluun, hooggansa haaroomsa adeemsa isaa irraa kan gufachiisu ta’uun isaa hubatamu qabaa. Hooggansa haaroomsa gufachiisuun ammo feedhii ummataa osoo hinta’ini, shiira warra gamtaa ummataa fi mootummaa gidduu uumameen hinjifatamanii tapha aala ta’an ta’u akka malu hubachuun abshaalummaa dhaa. Kanaafuu, ummanni, keessattu dargaggoonni adeemsa akkanaa ofegannoon ilaalu qabu. Hooggnas haaroomsa qabsoo isaaniitiin gara taa’itaatti fidan akka hinguufachisne hubannoon sochoo’u qabu.

Amma rakkoo biyyatti keessa jiruu furuuni fi gaaffii ummataaf deebii laachuun  kandandaahamu ummanni fi mootummaan yoo gamtaan sochoo’an qoofa. Namoonni walqabatanii laga gute ceehuu akk dandahan hubadhaa. Laga gutee keessa walgadhiifnaan mummichi bisaanii huumna isaan ol ta’e tokko tokkoon nyaatamuun isaanii waan hin’olle. Kanaafuu, sabaab barbaaddachaa karaa nagayaa irraa goruu dhaan gamtaa ummataa fi hoogansa haaroomsa abdii uumee akka hinfacaane, ummanni keessttu dargaggoonni miira ittigaafatamuummaan sochoo’u qabu.

 

 


Back to Front Page