Back to Front Page


Share This Article!
Share
Mallattoo Tokkummaa Keenyaa

Mallattoo Tokkummaa Keenyaa

Hiikaa Margaa tiin 05-09-18

                                             

Biyyi kun baroota hedduudhaaf biyya fakkeenya hiyyummaaf gadadoo jedhamuun beekamtu turte. Biyya midhaan nyaataanillee of danda’uu hin dandeenye waan turteef harka biyya ormaa gargaarsaaf eeggachaa biyya turteedha.

Haa ta’uyyuu malee seenaan akka Sanaa hafee gaazexessitootni afaan yeroo darbe hiyyummaa Itiyoophiyaa gabaasaa turan har’ammoo guddina biyyi kun galmeessisaa jirtu wal-harkaa fuudhanii gabaasaa jiru.

Biyya keenya kun midhaan nyaataatiin of danda’uurra darbitee pirojektoota gurguddaa sadarkaa Afriikaatti waamaman diriirsuudhaan guddina ariifachiisaa keessa jirti.

Pirojektoota Misoomaa biyyi kun ijaaraa jirtu keessaa inni guddaan qalbii nama hundumaa bitee jiru, Hidha Guddicha Haaroms Itiyoophiyaa ti.

Kaa’umsa dhagaa bu’uuraa isaarraa eegalee hanga yoonaatti hirreen tokkummaa lammilee biyya kanaa kan irratti mul’atee dha. Sabaa fi sab-lammileen biyya kanaa gargaarsa alaa biyya biraarraa osoo hin eeggatin ofiin hojjechuutti kan jiranii dha.

Pirojektiin kun nuuf hiikkaan isaa pirojektii caalaa iddoo guddaa nuuf qaba. Sababnisaa biyyi keenya kun armaan dura biyya midhaan nyaataan of hin dandeenyeef nyaatanii buluuf illee gargaaarsa biyyoota duroomanii eeggachaa turte har’a baasii mataa isheen lammilee ishee abdattee pirojektii guddaa akka Afriikaatti sadarkaa tokkoffaa fi akka idil-addunyaatti sadarkaa shanaffaa ta’e kana hojjechaa jiraachuun nuyiif xiinsammuu keenyaaf iddoo ol’aanaa qaba.

Videos From Around The World

Dhaloonni amma jiru kun biyya diinaan mirgi ishee hin sarbamin abbootii darban irraa kan dhaalle ta’us biyya dinagdeen ishee baay’ee boodatti hafaa ta’e dhaaluun dhaloota ammaas waan haalamu miti.

Haa ta’uyyuu malee hawaasni biyya kanaaf mootummaan waliin ta’uudhaan seenaa badaa biyya kanaa jijjiiruudhaaf yeroo itti onnachuudhaan hojjetamaa jiru keessa jirra.

Tokkummaan amma argame kunis humna qindaa’een gara hojii misoomaatti yoo deebi’e dhalootni dhufu hiyyummaa osoo hin taane biyya jireenyaaf mijooftuu taate keessatti waan dhalatuuf rakkoowwan gara garaaf hin saaxilamu.

Egaa Hidhi Haaromsa keenyaa kun erga hojiin isaa eegalee waggoottan saddeet akka lakkoofsise yeroo gara garaatti ni dhageenya. Turtii waggoottan saddeetii kana keessatti guyyaa tokkoof osoo gar gar hin citin hojiin isaa itti fufuun har’a gara xumuraa irra ga’ee jira.

Pirojektiiwwan gurguddoo akka biyyaatti karoorfamanii jiran hedduun isaanii xumura hidha haaromsa kanaa kan eeggatanii hojii keessa seenan ta’uu isaa tilmaamuun nama hin rakkisu. Fakkeenyaaf biyyi keenyaa Itiyoophiyaan Giddu gala paarkiiwwan Industirii hedduu ta’uudhaaf hojii bal’aa qabattee halkaniif guyyaa hojjechaa jirti. Paarkiiwwan Industirii kunneen ammoo hojii isaanii haalaan hojjechuuf humni ibsaa baay’isee barbaachisaa dha. Sababnisaa yoo humni ibsaa hin jiraanne maashinoota gara garaa Industiriiwwan kanneen keessa jiran sochoosuun waan hin danda’amneef.

Kanumaan wal-qabatee carraan hojii amma biyya kana keessatti dhiphaa ta’e gaafa hidhi guddaan haaromsa biyya keenyaa kun xumuramu, hojiiwwan hedduu fidee nuuf dhufuun isaa hin oolu, innis baabura midhaan daaku isa xiqqaa irraa kaasee Warshaalee gurguddoon humna ibsaan waan hojjetaniif sodaa humna ibsaa dhabuu irraan kan ka’e hojiiwwan akka biyyaatti karoorfamanii jiran akka Kanaan duraa hojiitti seenuu dhaaf hin rakkatan.

Abbootiin qabeenyaa biyya keessaa fi alaa hojii investmentii irratti bobba’an akka Kanaan duraa naannoo humni ibsaa jiru qofarratti xiyyeeffannoon kan hojjetan osoo hin taane, guutummaa biyyattiitti tajaajjilli humna ibsaa waan kennamuuf bakka fedha isaaniitti hojii investmentii hojjechuuf haala mijataa argatu jechuudha. Yeroo haalli akkasii mijatu dargaggoon hoji dhabaa hedduun carraa hojii argachuun isaas waan hin oollee dha,

Faayidaan Hidha guddicha kanaa inni biraan haroo nam-tolcheewwann gara garaa sababa hidha Kanaan biyya kana keessatti waan uumamaniif oomisha qurxummii fi qonna jallisii ammayya’aa akka geggeeffannuuf kan nu tajaajiluu dha. Kunis akkaataa qorattootni jedhanitti faayidaan biyyi keenya waan kanarraa argattu guddina biyya kanaa sadarkaa tokko fooyyessuu isaa yeroo gara garaatti lafa kaa’u.

Walitti dhufeenyi biyyi keenya biyyoota laga Abbayyaa qooddatan wajjin qabdus sababuma hidha kanaa hedduu jabaatee itti fufa. Sababnisaa biyyootni yaa’aa gadii jiran kanneen akka Sudaan, Taanzaaniyaa fi Misir sababa baay’ina bishaan biyya Itiyophiyaarraa gadi itti darbatamuutiin biyyeen isaanii jalaa dhiqamaa waan tureef bishaan hedduun humna isaanii ol-ta’e kun biyya kana keessatti kan qabamu yoo ta’e, bishaanuma idilaawaa jireenya isaanii hin jeeqnetu dhaqaaf malee badii biraaf hin saaxilaman jiechuu dha.

Akka biyyootaatti yoo ilaalle, biyyootni bishaan kana qooddatan sababa hidha kanaatiin takkaa wal-komatanii hin beekan. Ta’us lammileen biyyoota tokko tokkoo hubannaa dhabuudhaan dhimma waa’ee hidha kanaatii yeroo isaan itti mootummaa isaanii gaafatan ni jira. Keessumaa lammileen biyya Misir waa’ee hidha kanaa yeroo dubbatan akkuma har’a faayidaan isaan laga abbayyaa irraa argatan jalaa hafuutti mootummaatti yeroo iyyachaa turan argaa turre. Haa ta’uyyuu malee biyyi Itiyoophiyaa jalqabumarraa ka’uun sababa hidha Kanaan faayidaan biyyoota ollaa kunneenii al-tokkollee akka tuqamuuf yaaddee hin beektu, boris hin gootu.

Haa ta’uyyuu malee akka biyyaatti qabeenya keessoo ishee osoo biyyoota bishaan kana qoooddatan hin miidhin itti fayyadamuudhaaf mirga guutuu qabdi. Kanas seera addunyaatu hayyamaaf,

Hojiin dippiloomaasii waa’ee hidha kanaa hojjetames baay’ee kan namatti toluuf biyyooleen ollaa dhimmi kun ilaallatu hunduu Itiyoophiyaa cina hiriiruun pirojektiin kun akka xumuramuuf ga’ee isaaniillee akka ba’an yeroo gara garaatti dhaga’aa jirra.

Irra caalaatti garuu dhimmi pirojektii kanaa dhimma maalummaa biyya kanaa, xiinsammuu biyya kana jijjiiruu waan ta’eef lammileen biyya kanaa Kanaan dura qarshii tokkoo hanga miliyoonotaatti walitti qabuun gumaacha waan kanaaf gochaa ture ammallee sanuma cimsee itti fufuun dhimmi kun fiixa akka ba’u gochuutu nurra jiraata.

 


Back to Front Page