Back to Front Page


Share This Article!
Share
Warqiin Harkaa qaban…

 

Warqiin Harkaa qaban

Tokkummaa Biyyaa tiin 04-03-18

Biyya keenyaa fi biyyoota gara garaatti warqiin akka faayaa gatii cimaatti ilaalama. Ilaalcha nama kami keessattis iddoo guddaa qaba. Kanaaf warqii kana hundumtuu yoo qabaate ni ittiin faayamee ni barbaada. Garuummoo akka salphaatti hin argamu. Yeroon akkas jedhummoo hundumatu warqii kana hin argatu jechuuf miti. Inni warqii baay’inaan of harkaa qabu akka isa warqii tokkoyyuu hin qabnee baay’eesaa dhimmamee hin barbaadu. Hinumaayyuu waan addaa ta’ee itti hin mul’atu. Sibiila gatii salphaafaa ta’ee itti mul’achuu danda’a. Kanaafitu Oromoon yeroo mammaaku “warqiin harkaa qaban sibiila namatti fakkaatti” jedhee mammaaka. Garuummoo gaafa of harkaa akka qoosaatti baate deebisanii salphaatti argachuun ni ulfaata.

Har’a kanan gabaabumatti kanan mammaaksa armaan olii kanaan dubbiikoo eegaluu jalqabeef, warqii fi nageenya wal-bira qabee barreessuu barbaadeen dha. Nageenyii fi warqiin tasumaa akka isaan waliin hin dorgomne nan beeka, Garuummoo mammaaksi waan baay’ee walitti nuuf fida.

Namatu warqiif iddoo guddaa kenna. Nageenya kanammoo badaas dhimmashee hin qabu. Nagaan waan hundumaa olii dha. Yeroo baay’ee nama nagaan isaa boora’ee hin beekne ykn dhukkubsatee hin beeknetti yoo waa’ee nagaa dubbatan akka qoosaatti ykn akka oduu maayii hin baafneetti ilaaluu mala. Namni mataan isaa daqiiqaa kudhaniif bowwaafate garuu maalummaa nagaa akka dansaatti beeka. Lammata akka dhukkubbiin sun itti hin deebineefis waan danda’u hundaa gochuu mala.

Akka biyya keenya Itiyoophiyaatti nageenya jechuun nuuf waan hundumaati. Biyyi  sichi guddina irra jirtu sirumaa nagaa hin qabdu taanaan carraan ishee diigamuu qofa waan ta’eef nageenya jechuun biyya kanaaf waan hnda caalaa barbaachisaa dha.

Biyya kana keessa saboota, sab-lammootaa fi uummatoota hedduun kan jiraatan waan ta’eef nageenyi amansiisaan jiraachuun isaa dirqama dha. Kanaaf waa’een nageenyaa mariif kan dhiyaachuun irra hin jiraatu, hin ta’us.

Uummatootni Itiyoophiyaa faayidaa nageenyaa bareechee beeka. Nagaasaaf jecha gatii hedduu baasee jira, ittis wareegamaa jira waan ta’eef. Waa’een nageenyaa yoo kaafamu kanaafis dursee kan achitti argamuuf sababa tokko malee miti-nageenyi lammilee biyya kanaaf jireenyaa fi abdii isaaniti waan ta’eef dha.

Akkuman armaan olitti kaase biyyi iyyeettiin kun sichi daandii misoomaa irra jirti malee, biyya dureettii miti. Biyya daandii dheeraan ishee dura jiruu dha. Biyya dheebuu misoomaa hedduu qabduu dha. Dheebuun misoomaa kun ammoo kan dhugoomuu danda’u hirriba abjuu rafuun osoo hin taane, yoo lammileen biyya kanaa waan danda’aniin sosocho’anii dha. Kun hunduu yoo nageenyi hin jiraanne dhugoomuu mitii yaaduun isaayyuu baay’ee ulfaata.

Uummatni biyya kanaa ulaagaa kamiinuu nageenya isaa dhabee jiraachuun isaaf hin ta’u. Dhalli namaa waa’ee mirgawwan bu’uuraa kanneen biro osoo hin yaadin dura, waa’ee nageenya isaa dhiphachuutu irra jiraata. Namni tokko akaayii osoo nyaatuu, biddeeniif kan falmu yoo ta’e nagaan hin jiru taanaan akaayii sanayyuu dhabuun isaa dirqama itti ta’a.

Nageenyi yoo jiraate malee waan tokko dhugoomuu akka hin dandeenye, seenaa keenya caalaa manni barnootaa biyyoota Addunyaa kanneen akka Sooriyaa, Liibiyaa, sudaan kibbaa, Yemeniif akka Iraaq caalaa kan nu hubachiisu hin jiru. Seenaan biyyoota kanneenii sababa nagaa dhabuu irraan kanka’e biyya ta’uun isaanii hafee biyya diigamaa jirtu( failed states) ta’aa jiru.

Waanuma fedheefuu gatiin nageenyaa meeqa ta’a amma ? bariisifatanii nagaan ba’uu akkasumas dhiisifatanii galuun rakkoo tokko malee hojii ofii raawwachuun m aaliin madaalamaa ? dhala dhalchanii , barsiifatanii bakka dhalli namaa ga’een ga’atanii waaqa galateeffachuu caalaa wanti nama gammachiisu jiraay ? Namni kana beeku hundinuu gaafa sababa walitti bu’iinsaan nagaan boora’u gatii nagaa akka gaariitti ibsuu danda’a, Amma salphaa fakkaatee kan nutti mul’atu yeroo lubbuun namaa guyyaa guyyaan badu, qe’ee ofii irraa bakka hin beekneef nama hin beeknetti baqatan gatiin nageenyaa hammam akka qaala’aa ta’e yoos barama.

Videos From Around The World

Biyya keenya Itiyoophiyaatti duubatti hafummaa fi hiyyummaan hundee godhatee lammileen biyyattii gargaarsaaf harkaa ormaa akka ilaalaniif rakkinniif gadadoon hanga mallattoo biyya kanaa ta’uu ga’uttillee sababa kan nuuf ta’ee ture sababa nageenya dhabuu keenyaatiin dha. Biyyi keenya maqaa guddoo fi beekamtii akka addunyaatti akka qabdu irraa gadi darbatamtee tarree warra gadii keessa dursitee akka dhaabbattuuf nageenya dhabuun keenya sababa guddoo dha.

Waggoottan 27n darban kana keessatti nageenyi amansiisaan mirkanaa’uu eegaluu isaarraan kan ka’e mootummaafi lammileen biyya kanaa xiyyeeffannoo isaanii misooma irra waan kaa’aniif jireenyi lammilee jijjiiramaa jira. Guddinni biyyattiis akka malee ariitiidhaan dabalaa jira. Fudhatamni biyyattiin waltajjii addunyaa irratti qabdus akkaan dabalaa jira. Yeroo nageenyi mirkanaa’u egaa carraa  gaarii akkasiifaatu nama mudata, guddinni biyyaas shakkii tokko malee itti fufa. Haa ta’uyyuu malee yeroo dhiyoo asitti rakkoon nageenyaa iddoo tokko tokkotti nu mudachaa jiraachuun isaa beekamaa dha. Kunis guddina biyya keenyaaf qorumsa guddaa nutti ta’aa jira.

Lammiin biyya kanaa kana booda erga maalummaa jireenya fooyya’aa bareef jiraatee argee jireenya gadadootti deebi’uun isaaf yaaddoo guddaa dha. Hinumaayyuu jireenya fooyya’aa kana caalu jiraachuu fedha malee-

Nageenya keenya kana bakka inni jirutti eeguu dhaaf qaamolee hawaasaa hunda irraa kan eegamu maali yoo jenne- Labatni, labata biraaatti darba. Dhalootni yeroo gara garaattu uumamu biyya isaa wal-harkaa fuudhuun baraa barattin dabarsa. Wal-harkaa fuudhiinsi kun ammoo akkaataa qabaa irratti hundaa’a. Inni cimsee qabe, biyya dabarsa, biyya guddisa. Inni akka hin taanetti qabe ammoo biyya diiga.

 Qabaa biyya amma harka keenya keessa jirruu wallaallee biyya diigamteefi hiyyeettii dhaloota dhufutti kan kenninu yoo ta’e, dhalootni nu boodaan dhufu nu ceepha’a, nu komata, waa’ee keenyaan boo’a. kanaaf  waa’ee jaalalaa fi tokkummaa labsuun labata oolchuutu nurra jiraata.

Dargaggeessi biyya kanaa riqicha labata dhufuu ta’uu isaa hubachuu qaba. Abbootii darbaa jiran irraa biyya fuudhee dhaloota dhufu qaqqabsiisuun dirqama dargaggoota biyya kana keessa jiranii ti. Amma waan gaarii hojjechuu yoo hin dandeenye dhaloota sanaaf waan dabarsu hin qabu. Biyya duroomtee fi guddatte, biyya kabajuun aadaa itti ta’e, lammilee amala gaarii qaban kan qabduu fi kanneen biroo biyya taate ijoollee isaanii dhaalchisuuf  ga’ee isaanii har’a ba’achuu qabu.

Ga’een dargaggeessi nageenya biyya kanaa eegsisuu keessatti qabu daran ol-aanaa ta’uu qaba. Abbootiin keenya kanaan dura diina alaa irraa biyya kana eeganii nutti dabarsaniiru. Dargaggoon yeroo ammaa kun ammo nageenya diina alaas ta’e rakkoo keessoo keenyaa dursee beekuun rakkoo nageenyaaf akka nu hin saaxille cimee hojjechuutu irra jiraata.

Waan kana ta’eef nageenyi biyyattii haalaan akka mirkanaa’uuf akkasumas nageenyi lammilee biyyattii akka eegametti ta’ee turuutu irra jiraata. Lammiin hundumtuu nageenya keenyaaf waardiyyaa dhaabbachuutu irra jiraata. Kunis nageenya eegsisuun kan qaama tokkoo qofaa osoo hin taane, ga’ee lammilee hundumaa ta’uu isaa beekuun dhimmi nageenyaa irratti kaka’umsa biyyyalessaa uumuun barbaachisaa dha,

Walumaaa galatti dhimmi nageenya keenyaa ilaalchisee, konfiraansiin gara garaa bakka gara garaatti godhamaa jira. Bu’aawwan konfiraansiiwwaan kanneeniis yeroo dhiyootti nageenya keenya mirkaneessuun guddina ariifachiisaa eegalle sana akka itti fufnu abdiin qaba.

 

 


Back to Front Page