Back to Front Page


Share This Article!
Share
Nuti kan filannu beekna!

 

Nuti kan filannu beekna!

Yoonaas Toleeraa 07-06-18

Akka carraa ta’ee barreeffamoota koo Kanaan duraa irratti biyyi tokko nageenya qabaachuun ishee dhimma filannoof dhiyaatu akka hin taane irra deddeebi’ee ibsaan ture.

Barreessitoota qofaa osoo hin taane, mootummaan biyya kana geggeessaa jirullee nagaaf tasgabbiin akka bu’uuf tarkaanfiiwwan barbaachisaa ta’e hundumaa akka fudhachaa jiru hundumtuu kan beekuu fi akka Addunyaattillee galata guddaa kan argachaa jiruu dha.

Tarkaanfileewwan fudhatamaa jiran keessaa inni guddaan tarii nageenya biyya kanaatti gufuu ta’aniiru jedhamanii wantoota shakkaman hundumaa kutanoodhaan sirreessuuf ka’uun mootummaa hagam Mootummaan dimokiraasii dhugoomsuuf akka hojjetaa jiru gorsa nama biraa malee hubachuu dandeenya.

Fakkeenyaaf qaamni adeemsa biyyi kun irra imalaa jirtu keessatti yaada addaa fidee dhufe Kanaan dura akka diinaa fi shororkeessaatti ilaalamuu isaarraan ka’e seerri shororkeessaa jedhanii hamilee namaa buusuun namaa gadi nama taasisuu caalaa , lammilee kumaatamaan lakkaa’aman midha hidhaatti ukkaamsuun darara irra ga’amaa ture ni yaadanna.

Asirratti wanti nuti hubachuu qabnu, gochaan akkasii yeroo babal’achaa deemu irra caalaattiyyuu nageenya kan booressu ta’uu isaarrayyuu darbee lammilee baay’een abdii kutatanii fiixee mankaraaressummaatti akka ba’aniif nu saaxilee nageenyi biyya keenyaa akka boora’u taasisee ture.

Dhaabbileen Siyaasaa fi hoggatootni isaanii sababuma fooyya’iinsa biyya kanaaf dhama’aniif biyya ari’amanii, warri kaan immoo mana hidhaatti dararamaa turuu isaaniis ni yaadanna.

Egaa kanneen armaan olii kunneen rakkoo ka’umsa boora’uu nageenya keenyaa akka ta’an waan beekameef yeroo dhiyoo asitti haalotni kunneen fooyya’aa jiraachuu isaanii irraan kan ka’e nageenyi waarawaan biyya kana keessatti mirkanaa’aa jira.

Keessumaa erga Kabajamoo MM Dr.Abiy gara aangootti dhufanii, jijjiiramni jiru abjuu namatti fakkaata,

Namni fedhe ykn jaarmiyaan fedhe sababa ilaalcha siyaasa isaatiif miidhaan kan irra ga’aa ture ta’us garuu yeroo ammaa kana kabaja ol’aanaadhaan anaa dhufu isa akkakeetu dhabame mitii waliin hojjenna jedhamee Masaraa Mootummaatti karaa nagaadhaa fi aalalaan simatamee waliin mari’atamaa jiraam!

Akka Kanaan duraatii silaa maaltu Koloneel Dammaqee Mokonnin, Andaargaachoo Tsiggee, Injiinar Masfiin faatu hidhaadhaa ba’a jedhee yaade? Hundumti keenyayyuu carraan jara kanaa egaa kana booda du’a waan ta’eef san booda biyyi kun gara waraana siviiliitti ceeti jennee yaadda’aa turre malee.

Haa ta’u malee, “gaafa dukkanni hammaatu bari’uuf jedha” akkuma jedhamu gidiraan sun hunduu hafee, lammileen keenya kumaatamaan lakkaa’aman sababa ilaalcha siyaasa isaaniitiin mana hidhaatti dararamaa turan irraa jalaan ba’aa jiraachuun isaanii nageenyi biyya kanaa fooyya’aa akka jiru abdii nutti hore.

Videos From Around The World

Hawaasni biyya kanaa guutummaanis kutannoo Mootummaan nageenya buusuuf mirga lammilee biyya kanaa kabajuuf argiseese ilaaluun, mootummaa Kanaan dura mormuu malee deggeree hin beekne karaa gara garaatiin deggeraa bakka gara garaatti yaa’ee deggeraa jira. Keessumaa hiriirri deggersa Mootummaa yeroo ammaa kana biyya kana geggeessaa jiru (not bitaa jiruu) Magaalaa Finfinnee fi Baahir Daaritti ta’e hammam lammileen biyya kanaa jeequmsa caalaa Nageenyaaf bakka qabuuf filannoon isaa nageenya ta’e kan ifatti lafa kaa’uu dha.

Lammileen biyya tokkoo nagaa dhabuurra, agabuu buluu akka filatu shakkii hin qabu, sababnisaa agabuu buluun nagaan jiraannaan idilee ta’ee itti hin fufu. Nagaan jiraannaan bor waan nyaattu argachuu malta. Yoo hin taane ta’e garuu sababii nagaan hin jirre qofaaf wareegama hin barbaachifne kaffaluun dirqama.

Yeroo ammaa kanatti, tarkaanfiiwwan mootummaan akka biyyaatti nagaan akka bu’uuf fudhataa jiru lammilee biyya kanaa irra jireessa ta’an biratti fudhatama argatee deggersa uummataan gara fuula duraatti deemamaa kan jiru yoo ta’us, harcaatotni nageenya biyya kanaa booressuun burjaajii uumanii bu’aa dhuunfaa isaanii keessaa argachaa turan ammallee guutummaan guutuutti kan dhabaman miti.

Harcaatotni kunneen tarkaanfii Mootummaan fudhachuun cancala yakkaa fi kontirobaandii irraa ciraa jiru nageenya amma argame kana tole jedhanii fudhatu jedhee namni yaadu jira jedhee hin yaadu.

Sababnisaa maddi faayidaa wareebessoota guyyaa kanaa nagaa keessaa kan argamu osoo hin taane, goolii uumuun burjaajii hawaasaa keessaa waan ta’eef ammallee burqaan faayidaa isaanii gogee akka hin badneef waan danda’an hundaa raawwachaa jiraachuu isaanii qabatamaatti argaa jirra.

Gochaan badiisaa jarreen kun godhan keessaa inni guddaan dhiyeenya kana argine Muummee Ministeeraa Keenya nuti akka ija keenyaatti ilaallu ajjeesuun biyya kana biyya bade taasisuun gabrummaa nuti ji’oota muraasa dura jalaa baanetti nu deebisuuf yaaluun isaanii isa tokkoo dha.

Shirri nageenya booressuu waraabeyyiin kun xaxaa turan keessaa inni biroon Lammilee Naannoo Daangaa jiran walitti buusuu, sabaa fi sab-lammoota waggoota dheeraaf wal-jaalalaa fi wal-kabajaan walii wajjin jiraachaa turan sababoota buushaawoo fiduudhaan walitti buusuun lubbuun namaa akka wareegamu, qabeenyi akka barbaada’u, lammileen qe’ee isaaniirraa akka buqqa’an gochuuf yaaliin isaan godhaa turan hagas mara milkaa’uu baatus, gochi waraabesummaa isanii ifatti akka mul’atu ta’ee jira.

Fagoo yoo dhaquu baannes, torban kanammoo kashlabboota Magaalaa Naqamtee walitti qabuudhaan baajata ramadanii shira dhokataa xaxuun qeerroowwan nagaa ta’an shira isaaniillee quba hin qabne hojii nageenya booressuu keessatti akka hirmaatan taasisuun nageenyi naannoo Sanaa akka jeeqamu taasisaa jiru.

Keessumaa wanti nama dhibu, tooftaan isaanii hanga dhumaatti sila isiniin jedheera, qarshii Miliyoona hedduutti lakkaa’amu baasuun Paartii Maqaa Oromootiin daldalu tokkoo wajjin walitti hidhatanii lubbuu namaa baasuun sadarkaa ibiddaan gubuu irrallee ga’amee jira.

Mee waaq isinitti haa agarsiisu namni lammii isaaf qabsaa’u, lammii mana itti cufee, maatii inni taa’ee wajjin irbaata nyaatu biraa gadi yaasee mana keessatti ibidda itti qbsiisaa? Kanumammoo barsiisaa dhaloota qaru!

Walumaa galatti, hawaasni yeroo ammaa kana garaa garummaa nageenyaa fi jeequmsaa akka gaariitti beeknee jirra, hamileen keenya Kanaan duraa fi ji’oottan sadii asii baay’ee garaa gara.

Ji’oottan sadan kana keessatti akka gaariitti maalummaa nageenyaa mi’eeffannee dhandhamaa jirra. Sodaa fi qaanii tokko malee Mootummaa biyya geggeessaa jiru waliin taanee biyya keenya gara fuula duraatti tarkaanfachiisuuf hojjechaa jirra.

Kanaaf dubbiin ammaan booda biyya kana keessatti ka’u mootummaa waliin osoo hin taane, nu uummatoota biyya kanaa waliin waan ta’eef qaamni naga biyya kanaa booressuuf socho’aa jiru, ykn qophee irra jiru yoo of qusate wayyaaf.

Sababnisaa nagaa fi jeequmsa keessaa kan nuuf ta’e barree filannee jirra waan ta’eef osoo dhama’amuu baatee gaarii dha.

 

Horaa bulaa!


Back to Front Page